Xurree ittiin seenan

Breaking News

Insuraansii Fayyaa “Obamacare” Hambisuu fi Dhiisuu Irratti Sagaleen Kennamuuf Jira


Insuraansii Fayyaa “Obamacare” Hambisuu fi Dhiisuu Irratti Sagaleen Kennamuuf Jira
Insuraansii Fayyaa “Obamacare” Hambisuu fi Dhiisuu Irratti Sagaleen Kennamuuf Jira

Prezidaant Doonaald Traamp michoonni isaanii Republikaanotaa ennaa miseensonni mana maree bakka bu’ootaa sagalee kennanitti caasaa eegumsa fayyaa biyyattii ilaalchisee isaan cina akka dhaabatan dhiibbaa gochuu itti fufanii jiru. Manni maree har’a insuraansii fayyaa “Obamacare” jedhamuun beekamu hambisuu fi dhiisuu irratti sagalee kennuuf jiru.

Traamp yoo Repbulikaanoni insuraansii Obamacare jedhu kan isan ennaa duula filannoo hambisuuf dhaadatan dura hin dhaabbatan taanaan itti fufuu mala jechuun akeekkachiisan.

Traamp ripuublikaanota hin murteessin jiran amansiisuuf har’a bilbiluufii dhaan seera insuraansii sana bakka bu’u akka deggeran gaafataa oolan.

Tramp Twitter irratti erga maxxansaniin akka jedhanitti sagaleen har’a kennamu Obamacare hambisuuf carraa isa dhumaati jedhan.

XS
SM
MD
LG