Xurree ittiin seenan

Breaking News

Meeshaa Eleektrooniksii Bibila Harkaa Caalu Xayyaara Imaltootaa Fudhanii Seenuu Dhorkamee Jira


Meeshaa Eleektrooniksii Bibila Harkaa Caalu Xayyaara Imaltootaa Fudhanii Seenuu Dhorkamee Jira
Meeshaa Eleektrooniksii Bibila Harkaa Caalu Xayyaara Imaltootaa Fudhanii Seenuu Dhorkamee Jira

Kompuutara Harkatti baatamuykn (Laptop) Kaameeraa fi meeshaalee elektrooniksii kanneen guddinni isaanii bilbiila harkaa caaluu hundumaa imaltoonni mi’a isaanii waliin feesisuu akka qaban yunaaytid Isteetes labsistee jiri. Bilbillii harkaa garu fe’amuu akka hin qabnee fi xayyaara seenuu akka danda’uu ibsamee jira.Biyyi Briteen kaleessa tarkaanfii wal fakkaataa fudhattee jirti.Kunis Balalii xayyaaraa Biyya Tarkii fi biyyoota gidduu galeessa bahaa akkasumas Afrikaa gama kaabaa irra ka’aniif ta’uun ibsamee jira.

Gareeleen shoroorkeessootaa xayyaaroota imaltootaa irratti fulleefachuun badii geesisuun waan itti fufeef jecha uggurri kun barbaachise jedhamee jira.Gama kaaniin shoroorkeessonni xayyaaroota uggurri kun isaan hin ilaalanne gargaaramuu akka malan yaadachisuun biyyonni hundinuu uggura wal fakkaataa akka gargaaramuu qaban aangawoonni nageenyaa dubbataa jiru.Namoonni xayyaara irratti meeshaalee eleektroniksiin fayyadamuu baran imala lafa dheeraa gara yunaaytid Isteetes fi Briteen gaggeessaniin mukaa’uu fi nuffuu akka danda’ani beekamee dha.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Meeshaa Eleektrooniksii Bibila Harkaa Caalu Xayyaara Imaltootaa Fudhanii Seenuu Dhorkamee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:24 0:00

XS
SM
MD
LG