Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Uggurri Irra Jiru Kooriyaa Kaabaa Afriikaatti Meeshaa Waraanaa Gurguruuf Mala Dhoofte


Kan Uggurri Irra Jiru Kooriyaa Kaabaa Afriikaatti Meeshaa Waraanaa Gurguruuf Mala Dhoofte
Kan Uggurri Irra Jiru Kooriyaa Kaabaa Afriikaatti Meeshaa Waraanaa Gurguruuf Mala Dhoofte

Uggurri sadarkaa addunyaa kaa’amus Kooriyaan kaabaa Afriikaa keessaa kan meeshaa waraanaa irraa bitachuu fedhu argattee jirti jechuu dhaan hoogganaan gurmuun hayyootaa kan tokummaa mootummootaa dhimma kana qoratu beeksisee jira.

Akka gabaasa baatii darbe ba’etti Kooriyaan kaabaa akka irratti hin dammaqamneef mala hedduu fayyadamuu dhaan yoo xiqqaate biyyoota Afriikaa torba waliin loltoota leenjisuu, hojii ijaarsaa fi meeshaa waraanaa hedduu fi konkolaataa itt guruguruuf walii galte.

Walii galteen kun uggura gurgurtaa meeshaa wanaanaa Tokkummaan mootummootaa Kooriyaa Kaabaa irraa akka hin bitne ykn gorsitootas haa ta’u leenjistoota biyyattii akka hin simanne kaa’e cabsa.

Hugh Griffith qindeessaan gurmuu qorannaa uggura TM kan dhimma kooriyaa kaabaa VOAf akka ibsanitti uggurri sun biyyootii Afriikaa hanga tokko keessatti irra darbamee jira.

Qorannaa gabaasa kanaa keessaa tokko kooriyaan kaabaa meeshaa waraanaa gurguddaa misaa’ila lafoo fi kan qilleensaa kan caasaa qajeelfama saatelaayitii fayyadamu Sudaaniif dhiyeessite.

Walii galtee isaanii keessaa lama doolaara miliyoona $6.4 bara 2013 keessa irra ga’ame.

Biyyoonni akka Eertraas meeshaa waraanaa ofii isaaniif bitachuu akka hin dandeenye ugguratu irra jira. Biyyoonni ka biroon immoo qajeelfama waa’ee kanaa jiru hin beekan.

XS
SM
MD
LG