Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaa Mana Hidhaa Qilinxootti Raawwatameef Hoogganoonni Mana Hidhaa Gaafatamuu Qabuu: Komiishina Mirga Namaa Itioophiyaa


Ethiopia Human Right Commission
Ethiopia Human Right Commission

Hagaya 8 bara 2008 mana balaa ibiddaa hidhaa Qilinxoo irra ga’ee fi miidhaaa dhaqqabeef miseensonni bulchiinsa mana hidhaa Sanaa akka itti gaafataman komiishinni mirga namoomaa Itiyoopiyaa mana maree bakka bu’oota Itiyoopiyaa koree dhaabbataa kan dhimmootii bulchiinsaa murtii haqaaf gabaasa dhiyeessee jira.

Sababaa dhibee garaa baasaa fi haqqisaa ariifachiisaan kan ka’e nyaati alaa ol hin seenu maqaa jedhuu murtii mana hidhaa sanaan kanneen mufatan hidhamtoonni hookkara kaasan ittiin ka’umsa godhachuu dhaan laayterii ibidda ittiin qabsiisaniif alaa seenaniin ibiddi sun ka’uu gabaasichi ibsee jira. Hidhamtoonni kunis ibidda sana jalaa milisuuf yaalii utuu godhanii waardiyyaalee mana hidhaatiin dhukaasi itti banamuu isaaf gaaziin imimmaansu illee alaa itti buufamuu gabaasichi tuqee jira.

Itti dabaluu dhaanis hidhamtoonni ibidda jalaa miliquuf yaalan lama rasaasaan ennaa ajjeefaman saddeet immoo madaa’aniiru jedhameera.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Ajjeechaa Mana Hidhaa Qilinxootti Raawwatameef Hoogganoonni Mana Hidhaa Gaafatamuu Qabuu: Komiishina Mirga Namaa Itioophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:52 0:00

XS
SM
MD
LG