Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akka Aadaa itiyoophiyaatti Dhiifama Gaafanna


Gazexxeessonni lammii swidiin lameen Martiin shibee fi Yohaan pirson jedhaman adaba hidhaa waggaa 11 kan mata mataatti irratti murame akka dhiifamuuf iyyata kan hin dhiyeffanne ta’uu beeksisan.

Lameenuu ibsa baasaniin Itiyoophiyaa keessa aadaa Ayyaanaa fi dhiifamaatu jira.N utis aadaa kana irratti hirkachuu filanne jedhan.

Itiyoophiyaatti Ambassadarri siwideen Jens Olander carraa gazexxessoota lameen qaban kan ilaaleen Mootummoota swidinii fi kan Itiyoophiyaa gidduutti kallattiin mariin gaggeeffamaa jira jedhan

Shibee fi piirson seeraan ala daangaa Itiyoophiyaa seenuu fi shoroorkessotaaf deggersa godhan jedhamuun himatamuun isaanii ni yaadatama.

Gareeleen mirga dhala namaaf falmanii fi kanneen walabummaa presiif qabsaa’an akka jedhantti baatii waxabajji darbee kaasee yoo xiqqaate namni 33 shoroorkessummaan himatamaniiru.

Kun immoo mootummaan Itiyoophiyaa seera farra shoroorkessummaa qopheffate mormitoota Afaan qabsiisuuf gargaaramuu isaaf ragaa tokko jedhu.

Mummicha ministeeraa mallas zenaawii dabalatee aangawonni Itiyoophiyaa biroonis jecha kana haaluu dhaan poolisiin gochi kun raawwatamuu isaaf ragaa qubsaa qabu jechuun falmu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG