Xurree ittiin seenan

Akka Duriitti Biyya Bulchuu Hin Danda'an.

  • VOA

Ministrittiin haajaa alaa yunaaytid steetes Hilaari klinton daaw'annaa torban darbe jalqaban itti fufuun Finfinnee seenanii jiru.Walgahii gamtaa Afrikaa gaggeefame irratti biyyonni Afrikaa hariiroo prezidaantii Libiyaa Moammar Gaadaafi waliin qaban kutanii garee mormiitoota biyyatti waliin akka dhaabatan gaafatan.

Hogganoonni Afrikaa diplomaatoota prezidaant Gaadaafii biyya isaanii keessaa baasanii gumii ce'umsaa mormitootaa irraa hundeffame tumasu qabu jedhan Kliinton.Akka duriitti biyya bulchuu hin danda'an, caasaan ture diigameera, warri kana fedhan aangoo gadhisuuf yeroon amma jedhan.

Kilinton Eertraa keessatti dho'iinsa Voolkaanoo dhaqqabe irraa kan ka'e daaraan samii waan aguugeef jecha daaw'annaa Itiyoopiyaa keessatti geggeessan addaan kutanii gara Ameerikaatti deebi'uuf dirqamaniiru.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

XS
SM
MD
LG