Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akka Iyyata Dhiyeffatuuf Mirga Argate


Kaawuunsiliin mirga Dhala Namaa kan Itiyoophiyaa maallaqqi isaa akka hin sossoofneef ajaja mootummaan bara 2009 irratti dabarse irra deebi’ee iyyachuuf mirga argatee jira.

Manni-murtii Mummichi kan Itiyoophiyaa kaleeessa murtii kenneen dhaabatni mootummaa fi manni-murtii gad aanu kun ol iyyannaa akka hin dhiyeffanneef ittisuun dogoggoora.

Qabeenya kaawunsislii mirga dhala namaa kan Itiyoophiyaa kan ta’e qarshii kuma 500 tu jalaa uggurame.

Daayrekteera Kaawunsilii Mirga Dhala Namaa kan ta’an Endalkaacheew Mollaa Maallaqni akka qabametti jiraatuus murtiin kaleessa kenname injifannoo dha jedhan.

Obbo Indaalkaacheew akka jedhanitti maallaqni dhabamuun humna jiru xiqqessee gareen kun mana hidhaa Itiyoophiyaa keessatti dararaa rawwaatama jedhame qorachuu illee dhorkee jira jedhan.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggerefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG