Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabii Qoranno fi Muuziyeemii Amerikaa, Torbaan Lamaaf Aadaa Oromoo Boorana Keeniyaatii fi Ummata Akka Akkaa DC-tti Agarsiise


Minstera Tuurisimii Keeniyaa ,Kandiye fi warra sirbaa dhufe
Minstera Tuurisimii Keeniyaa ,Kandiye fi warra sirbaa dhufe
Jaarrolee Booranaa Nationa Mall,DC-tti Aadaa tana agarsiisuuf dhufan keessaa haga tokko
Jaarrolee Booranaa Nationa Mall,DC-tti Aadaa tana agarsiisuuf dhufan keessaa haga tokko

Smithsonian Institution, dhaaba qorannoo fi muuziyeemii motumaan Amerikaa tohatu.Bara 1846 keessa hujii jalqabe waggaatti bajata doolara miliyoona hedduutiin hojjata.

Dhaabi kun baruma baraan mata duree Smithsonian Folk life Festival jedhuun aadaa fi seenaa biyya akka akkaa Amerikaa fidee addunyaan wal barsiisa.

Brana aadaa fi seenaa ummata Keenyaatii fi Chaayinaa dirree National Mall jedhan teessoo mootummaa Amerikaa Washington DC jirtutti baasee sirbaan,faaruun,taphaa khoblaan,faayaa fi waan hedduun addunyaa barsiise.

Qophii tanaa Keenyaa nama 200 caaluutti dhufee,nyaata dhugaatii, seenaa,sirbaa,mana wayaa nafaatii fi faaya nama isaanii fidanii agarsiisan.

Kadir Kottoolaalleen sirbitoota qophii tanaa dhufan keessaa tokko
Kadir Kottoolaalleen sirbitoota qophii tanaa dhufan keessaa tokko

Qophiin torbaan lamaaf turte tun guyyaa dheengaddaa dhumatte. Aadaa Keenyaan fudhattee dhufteen keessaa tokko aadaa Boorana Keenyaa, sirba Somaalee, Kikkuyyuu,Kaleenjinii fi aadaa ummata Chaayinaa agarsiisan.

Akka Dr.Waariyoo Areeroo, ministerii aadaa,ispoortii fi aarti Keenyaa jedhutti agarsiisii tun eennummaa keenyaa haga qaraallee caala agarsiifti.

Qophii Smithsonian Institution kopheessite tana irratti sriba jabaan faarsaan,biyyaan faarsan, aadaa fi seenaan faarsan waliin hedduu sirban bulchoota Keenyaa hedduutti itti dhufe.

Dr.Waariyoo fi ministera turiizimi Keenyaa,Kandiyitti waan agarsiisaa aadaa Amerikaa dhufanif dubbata
Dr.Waariyoo fi ministera turiizimi Keenyaa,Kandiyitti waan agarsiisaa aadaa Amerikaa dhufanif dubbata

Keenyaan laftii lake Turkana jedhan lafa lafeen namaa ganna miliyoona tokkoo fi ganna kuma 500 itti argan..aadaa teenna afaan qofaa mitii dudda duubatti deebinee qorannee wal barsiifnaa jedha.

Dr.Waariyo lafa Oromoo hedduu keessa deemee argee aadaa fi seenaa qamnu ka ammaatii fi ka duriillee haa waliin jabeeffannuu jedha.

Dhaabii qorannoo fi muuziyeemii Amerikaa kun barana aadaa Oromoo,ummata Keeyaatii fi ta Chaayinaa agarsiise
Dhaabii qorannoo fi muuziyeemii Amerikaa kun barana aadaa Oromoo,ummata Keeyaatii fi ta Chaayinaa agarsiise

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:14 0:00
Xurree marsariitii
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:57 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG