Xurree ittiin seenan

Mootummaan Yunaayitid Isteetis Tarkaanfiin Waraanaa Daangaa Itiyoopiyaa fi Eeritraa Irratti Fudhatamaa Jiru Akka Dhaabatu Gaafate

  • VOA

Yunaayitid Isteetis Waxabajjii 12 fi 13 bara 2016 tarkaanfiin waraanaa daangaa Itiyoopiyaa fi Eertraa irratti fudhatame akkaan kan Isee yaaddessee ta'uu waajjirri ministrii dhimma alaa Yunaayitid Isteetis galgala kana ibsa gabaabaa barreeeffamaan baaseen beeksisee jira.

Biyoonni lamaan akka lolaaf wal hin barbaanne bara 2000 walii galtee irra ga’uu isaanii ibsichi yaadachiisee tarkaanfiin waraanaas furmaata waan hin taaneef, gam lamaanuu akka irraa of qusatani akkasumas furmaata siyaasaa akka barbaadan Yunaayitid Isteetis waamicha dabarsuu ishee beeksiseera.

Itiyoopiyaa fi Eertiraan naannoo sana keessatti sababtiinsii fi nagaan waarinsa qabu akka bu’u waliin akka hojjetan illee mootummaan Yunaayitid yaadachiiseera jedha ibsichi.

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG