Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan Bajata Ramaddu Hanqisuuf Murteessuun Tajaajila Eegumsa Fayyaa Afrikaa Keessaa Hagam Miidha?

Murtii yunaaytid Isteetes kana keessatti fayyaa haadholii fi daa’imman Afrikaa keessaa hagam eegsisuun akka danda’amu mari’achuuf hayyonni waa’ee fayyaa addunyaa irra jiran Johaaneesburg Afrikaa Kibbaa keessatti walga’uuf jiru.Hanqinni maallaqaa mudannaan sagantaaleen tajaajiila eegumsa fayyaa Afrikaa keessaa kanneen irra jiriin isaanii gargaarsa biyya alaa irratti hirkachuun gaggeeffaman duubatti deebisuu mala. Kana malees lakkoobsii ogeessoota eegumsa fayyaa Afrikaa kessatti gad adeemaa buluun rakkoo ka biraati. Jedhame.

Gama kaaniin Bitooteess 25-28 bara 2017 biyyoota Afrikaa waaltaa fi gama dhiyaa 13 keessatti daa’imman umriin isaanii waggaa sahanii gad ta’e talaalii farra dhukkuba laamsheessaa ykn poliyoo argatanii jiru.Dhuma bara darbee jechuun 2016tti Naayjeriyaa Kaaba bahaa keessatti ijoolleen afuur poliyoon qabamuun isaanii gabaafamee ture.Waggootii dhufan sadii keessatti Afrikaan nama dhukkuba Kanaan qabame tokko iyyu hin qabaattu taanan ardittiin poliyoo irraa walaba jedhamee labsamuuf jira.

Gama kaaniin Afgaanistaan fi Paakistaan keessa namoonni shan poliyoon qabamanii jiru.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Amerikaan Bajata Ramaddu Hanqisuuf Murteessuun Tajaajila Eegumsa Fayyaa Afrikaa Keessaa Hagam Miidha?
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:00 0:00

XS
SM
MD
LG