Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seerri Farra Qawwee Darbuu Dahabuun Dimekraatota Mufachiise Ripuublikaanonni Immoo Dimokraasiitu Injifate Jedhan


Barreeffama seerri to'annaa qawwee akka dhaabbatu gaafachuudhaa warri hiriira bahan fundura kaapitol Hiilitti dhiisan: Dhabbata qawwee biyyoollessaa odoo hin ta'in lubbuu lammii Ameerikaa eegaa
Barreeffama seerri to'annaa qawwee akka dhaabbatu gaafachuudhaa warri hiriira bahan fundura kaapitol Hiilitti dhiisan: Dhabbata qawwee biyyoollessaa odoo hin ta'in lubbuu lammii Ameerikaa eegaa

Mseensota keessaan kan mana maree keessa jiranitti iyyadhaa, repuublikaanota kanatti illee bilbilaa itti hiamaa jechaa turan.

Demokraatonni mana maree bakka bu’otaa uummataa keessa jiran fincila seena qabeessaa kongresa Ameerikaa keessatti geggeessan seera to’annaa qawwee akka raggaasisamu gaafachuu dhaan sa’aatilee 26f teessuma isaanii irraa gad bu’anii mormii isaanii dhageesisanii jiran.

Facebookfi ergaa vidiyoo periscope-tti gargaaramuu dhaan ergaa isaanii dabarsanii jiran. Demokraatonni kun qabsoo kana akka injifanno ameerikaa nu gargaari jedhanii iyyataa turan.

Haa ta’u malee uummatichi erga fixiinsi mana sirbaa Orlaandoo irratti torban alama dura raawwatee booda illee seera kana ilaalchisee bakka lamatti qoodame.

Haa ta’u malee meeshaa waraanaa kan akka namni fixiinsa Orlaandoo sana irratti itti gargaaramee akka hin guarguramne ka deggeran dhibba irraa harka 57 kanneen ta’an ta’uu qorannaan CBS mul’isee jira. Hedduun isaanii kanneen kampanilee qawwee oomishan deggeran himatan.

Waldaan deggertootas qabeenya qawwee biyya kana kan bulchu isaan miti waan ta’eef biyya kana harkaa fudhachuu qabna kanneen jedhan illee ni jiran. Haleellaan shorokeessaa Orlando keessatti geggeessame faallaa kanaa ta’uu mala, uummatis sodaa keessa akka bu’u godhe kanneen jedhan illee ni jiran.

Kongresiin guutummaa biyyaatti tarkaanfii fudhatamuu qabu waan danqeef kutaaleen hagi tokko kanneen akka Indiana seera ofii isaanii dabarsan.

Washinton waa godha ka jedhu abdiin tokko iyyuu hin jiru. Manni murtii muummichis ifa kan inni taasisie meeshaalee waraanaa atomaatichii akka ugguruu nuu eyamee jira. Kanaaf sana gochuu qabna jedhu demokraatonni hang tokko.

Gama biraatiin immoo president Barack Obamaa fi demokraatonni hangi tokko kan mana maree bakka bu’oota uummataa keessa jiran repblikaanonni kamisa darbe karoora immigaratin kan presidentichaa ilaalchisee murtii mana murtii ol aanaa akkaan dhiphisuu isaanii balaaleffatanii jiru.

Kan Senetii fi Kongresii dhuunfatanii jiran repblikaanonni bakka abbaa murtii mana murtii ol aanaa dhiyeenya kana du’aan boqotan Antonin Scalia bakka buusuu akka hin raggaasisamne uguranii jiran. Kanaaf qooda abboota murtii 9 saddeeti qofaa ta’uun isaanii president Obamaan koolu galtoonni amerikaa keessa jiraatan biyaa akka hin baaneef karoora jiru murteessuuf rakkisaa itti ta’ee jira.

President Obmaan murtiin mana murtii muummichaa dinageee fi hawaasummaa Ameerikaa miidha jechuun akeekkachiisan.

President Obamaan akka jedhanitti caasaan Immigratin Ameerikaa kuarna lamaa oliif addaan cabaa waan tureef murtii kamisa darbee repbulikaanonni danquu isaanii qeeqanii jira.

Kan seera barreessu presidentii utuu hin taane kongresii dha kan jedhan afaan yaa’ii mana maree Paul Rayan manni muartii muummichi qajeelfama bu’uuraaf barbaachisaa ta’e kana raggaasise jedhan.

Kaadhiamamaa presidentii garee repbulikaanotaa an ta’an Donald Trump immoo yoo filataman seera immigaratin kan cimsan ta’uu dhaadatan. Lammiiwwan Ameerikaa hedduun garuu nama biyyaa baasuun seera namoomaatiin alaa, biyyattiin kun safuun isheen irratti hundoofteefis faallaa dha jechuun morman.

Seerri Farra Qawwee Darbuu Dahabuun Dmekraatota MufachiiseRipuublikaanonni Immoo Dimokraasiitu Injifate Jedhan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:30 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG