Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan hojjattoota isii embaasii Suudan Kibbaatii qabdu haga tokko achii baasuuf kurfoo jirtii


Adoolessa 10,2016 aarii magaalaa Juubaa keessa mullatu kun lola dhiyoo tana irraa dhufe
Adoolessa 10,2016 aarii magaalaa Juubaa keessa mullatu kun lola dhiyoo tana irraa dhufe

Dubbiin Suudan Kibbaa tun tanaa garana jedhani garasiin caphxii,achi qaban achasiin gargar jiddi.

Suudaniin Kibbaa tun biyya ganna shaniin duratti Suudan irraa cittee baatee addunyaatti dabalamte.

Eegii sunii asittuu akka biyya bulchan irratti,akka qabeenna biyyitii qabdu waliin gahan irratti,waraana biyyitii qabaachuu maltee fi waan hedduu irratti wal dhabuutti jiran.

Wal dhabii kun duruu ganna kana keessatti nama kuma hedduu fixee miliyoona hedduu baqachiise.

Akkuma taateefuu addunyaan bulchoota malumaa fi maltee jabduun walti araarsitee amma silaa mootummaa tokko qabaachuuf walii galan.

Sunilleen hin taanee ammallee waraanii itti aanaa pirezidaantii fi pirezidaantii isaanii wal dhabee dhiyoo tana namii dhibba hedduu dhumate.

Amerikaan embaasii biyya sunii qabdu keessaa hojjatoota baafachuuf waranaa isii 40 achitti ergatte.

Akka hajajii waraana Amerikaa Afrikaa jiruu jedhutti waranii Amerikaa kun Juubaa hojjattotoa embaasii Amerikaa haga tokko biyyaa baasa.

Andiriwu Burneetti,Amerikaatti bakka bu’aa addaa Suudan Kibbaati.Amma ammoo oduu himaa minsitera haajaa alaati.Lolii Suudan Kibbaa kun akka hamaa deemuutti jiraa jedha.

“Lolii naannoo Waahuu,Liiyuu fi naannoo akka akkaa kun guddoo nu yaaddessa.Paartii Suudan Kibbaatii fi warrii qawweelleen akka wannii kun tahuu hin malle hinuma beeka. Akka ummatilleen hin rakkannee gargaarsa argachuu qabu hinuma beekaa tanaaf wal loluun isaani nu yaaddessiti.”

Jermenii fi Indiilleen nama biyyaa fi isaanii embaasii Suudan Kibbaatii qaban baafachuuf kurfo jiran.

Waraanii itti aanaa perezidaantii Suudan Riki Machaar akka oduu himaan isaa jedhutti lola kana dhaabuuf waraanaa isaallee achii baase taatullee raasaa seenee loluufii miti.

Akka oduu himaan kun jedhutti Machaar akka waraanii isaatii fi perezidaanti Suudan Kibbaa Salvaa Kiir wal hin aane seer jidduu kaahee akka jarii walti hin dabarre tolche.

Lola waraanii Suudan Kibbaa irratti wal hadhuutti jiru kun akka oduu Tokkummaa Mootummootaatti nama kuma 36 baqachiisee 7,000 kaambii Tokkummaa Mootummoootaatti qajeele.

XS
SM
MD
LG