Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoon USA Dhumattullee Falmiin Paartileen Akkaataa Hujiin Hojjatan Irratti Mataan Wal Qaban Amma Jalqabdi


Amerikaan akka Baraak Obaamaa ganna afran dhufaallee biyya bulchuuf baatee filatte,Senetiin Amerikaa hagii guddaalleen akkuma ganna dabree kaan harka paartii Obaamaa fa jira,taatullee Miseensii Mana Marii harkuma paarti Rippaabilikaanitti hafe.
Pirezdaanti Obaamaan gaafa filamee Chikaagootti dubbii dubbate kaanitti, ummatii Amerikaa akka bulchootii isaa hujii hojjataniif malee akka isaan hujii ufii hojjataniif hin fille.

Hujii tana hojjachuuf ammoo akka jecha prezdaanti Obaamaatti paartileen lamaanuu waliin hojjachuutti faaydaa fida.

“Torbaanii fi ji’oota dhiyootti bulchoota paartilee lamaaniituu waliin hojjachuuf qophii jira.”

Rakkoolee amma ariitiin paartileen lamaanuu irratti hojjachuuf fuula duraa qaban:mala gibiraa fi qaraxa wayyeessaniin, caasaa Amerikaan baqataan simattu wayyeessuu,liqee fi baasii mootummaa diqqeessuu dabalee waan hedduutti jira.

Akka Afi-Yaahi Mana Marii Amerikaa,John Boheneritti paartiin Rippaabilikaan pirezdaanti Obaamaa waliin hojjachuuf qophii taatullee ajandaan bal’aan namuu qooda keessaa qabu jiraachuu qaba.

Paartileen lamaan,Demokiraatii fi Rippaabilikaan namuu dubbi gama paartii isaatiin fala itti barbaaduuf mataan wal qaban amma jalqabdi.Paartileen tun fedhi siyaasaa isaanii dhiisanii warra isaan filateef jedhanii fala barbaaduu baannaan namii harka isaanii eegatu jidduutti rakkata.

Jari kun akkuma gaafa filannoo qoma dhaanatee fedhii ummataa guutaa jedhe kaanitti hojjataa moo dubbiin sun afaanuma qofa irratti haftiin waan waliin ilaallu taati.Tahuu baannaan filannoon dhumattullee falmiin amma jalqabdi jennee teennee caqafna.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG