Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoopiyaa Dhiittaa Mirga Namaa Dhoksuuf Interneetii Cufe: Dhaabolii Mirga Namaa


Amnesty International Logo
Amnesty International Logo

Qorannaan Amnestii Internaashinaalii fi jarmayaa Observatory of Network Interference ykn OONI jedhamuun baatii Waxabajjii fi Onkoloolessa keessa geggeessame akka mul’isutti App-nWhatsapp cufamee jira. Caasaaleen oduu 16s akkasuma ugguramaniiru.

Amnestii Internaashinaalitti itti aantuu direcotorri dhimma gaanfa Afriikaa, biyyoota Afrikaa dhiyaaf Great Lakes Michelle Kagari akka jdhanitti mootummaan Itiyoopiyaa miidiyaaleen hawaasaa meeshaa leellistummaan ittiin belbelu fi jibbiinsi ittiin faca’u jedhee yaadda’uu dhaan interneetii guutummaan cufuun beekamaa dha.

Dhugaan jiru garuu adda jedhan. Gabaasaalee saansurii gochuun immoo lammiiwwan Itiyoopiyaa komee mormiii hammeessu qilleensa irra akka hin oolchine taasise jedhan.

Angawoonni uummati yaaddoo isaa akka hin ibsine ugguruu irra yaada isaa harkaa fuudhanii dhiittaa mirga namaa waggoota darban keessa mormii kaasan beeksisuutu irraa eegama jedha gabaasi kun.

Uummatichi interneetii irrattis ofii isaaniis dubbatee yaada mootummaa qeequ dhiyeessu illee yaada ofii akka ibsuuf angawoonni eeyamuu qabu jedhu Michelle Kagaarii.

Kanaaf mootummaan interneetii ugguruu irraa of qusatee komii lammiiwwan isaa akka dhaggeeffatu waamicha dabarsina jedhan.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG