Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromoonni Nagaan Hiriiruu Isaanif Hidhaman Haa Gad-lakkisaman Jedha Amnestin


Amnesty International Logo
Amnesty International Logo

Baatii sadaasa darbe erga naannoo Oromiyaa keessatti mormiin uummataa ka’ee qabee mootummaan Itiyoopiyaa hiriirtota mormii farra master plaanii, gaazexeessotaa fi hoogganoota paartii mormituu hedduu hidhaatti naqaa jira. Kanneen hidhaman kun immoo dararaaf waan saaxilamaniif jecha haal duree tokko malee akka hiikaman Amnesty International ibsa baaseen gaafatee jira. Kana ilaalchisuu dhaan Salem Solomon Amnesty internationalitti direktera hariiroo mootummaa kan damee Ameerikaa Adotei Akwei haasofsiistee jirti.

Mootummaan Itiyoopiyaa obbo Baqqalaa Garbaafaa dabalatee hoogganoota garee mormituu hedduu to’annaa jala kan oolche seera farra shorkeessummaa baasetti fayyadamee hiriirtota mromii shorokeessota ittiin jedhee namoota walitti qabuun hidhe jedhu Adotei Akwei. Mootummaan eenuyuunuu kan imaammata isaa mormu shorokeessaa dha ittiin jedha jedhan.

Hidhamuu kanneen marsariitii irratti barreessanii ykn bloogeroota yaadachuu dhaan kun abbaa irrummaa paartiin biyya bulchu kan mootummaan Itiyoopiyaa itti fufee jiru jedhan.

Mootummaan waltajjii siyaasaa dhipisee lammiiwwan dararuutti dabaluu dhaan ajjeechaa, reebichaa fi qabeenyaa namoota dhuunfaa mancaasuun itti fufeera jedhan Akwei-n.

Kanaafis kan itti gaafatamu hin jiru seera kana akka malee itti fayyadama mootummaan Itiyoopiyaas yeroo ammaa isa kanatti gammadaa jria jedhaniiru.

Amnestiin gragalcha ibsa isaa har’aa muummciha ministeeraa Itiyoopiyaa H/Mariam Desalny dablate ministeera dhimmootii federaalaa fi ministrii haqaaf ergee jira. Deebii attamii argata isa jedhuuf Akwein ennaa deebisan Kan ta’e keessaa tokko yeroo torbee ayyaana waggaa Ameerikaan maadhee ishee Itiyoopiyaa keessaa cufuuf labsuu ishee ti. Sagantaan maadhee kanaa hojii irra ooluu isaa sirnaan waan beeksisan hin qaban. Murtiin maadhee kana cufuu hariiroo Ameerikaan Itiyoopiyaa waliin qabdu gaaffii keessa galchuuf carraa kenna jedhan.

Kan nuti angawoota Itiyoopiyaa yaadachiisuu feenu uummati waan ta’aa jiru quba qabaachuu isaa ti. Dhiittaan mirga namaa geggeessamaa jiru seera mirga namaa kan sadarkaa addunyaa cabsuu qofa utuu hin taane walii galtee mirga namaa kan gamtaa Afriikaa illee ni cabsa jedhan. Kanaaf itti gaafatamummaan akka jiraatu dhiibbaa qodha jedhan.

Kanneen hidhamanii jiran akka hiikaman, akkasumas tarkaanfii humnaa mootummaan fudhatu ilaalchisee qorannaan akka geggeessamu gaafanna. Uummatis ergaa kana angawootatti akkasumas michuun isaanii ijoon waan gochaa jirtu bakka bu’oota mootummaa Ameerikaatti akka himan waamicha dabarsina jechuu dhaan Amnestii internashinaalitti directora hariiroo mootummaa kan damee Ameerikaa Adotei Akwei ibsaniiru.

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:59 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG