Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Anaaf Aartiin Xumura Eennummaa kootiiti”


ADDISUU KARRAYYUU
ADDISUU KARRAYYUU

"Aadaa, Seenaa fi Guutummaa Kiyyallee Achi keessatti uf Arga"jedha" Wellisaa Addisuu Karrayyuu

Akka lakkoofsa Itoophiyaatti bara 1994 keessa sirba baafatee sirbuu jalqabullee diqqeennaannuu sirba jaalata. Haadha isaa ta sirbitu jalaa sirba jaalachaa dhufee, duuba sirbaa tahe. Addsiuu Karrayyuu dargagoo ganna 30 keessa jiru.

“Yoo haati tiyya sirbitu sirba isii caqasaa guddadhe; akka isii badhaasa argachuu baadhullee sirbee akka isii beekamuu fedhaa,” jedha.

"Yoo sirbu sirba seenaa, aadaa fi eennuummaa ufii garsiisun sirba" ka jedhu Addisuun, sirba haguma harka 20-25 nama irraa fudhate malee haga guddaa ofumaa baafatee sirba.

"Sirbituun warra addunyaa tana jijjiire keessaa tokko" akka Addisuun jedhutti. "Sabni kana hin qabne ammoo duwwaa dha. Akka ani itti jedhuti na dhiba malee akkanuma goonee sirbanna. Nami sirbu tokko ammoo yoo milkhaahuu fedhe tattaaffatee, gugungumee quuqaa garaa nama gadi baasuu male,"jedha, Addisuun.

"Bara kana keessa nami maaniif akkana sirba baafata?" jennaan, "bara kanati akka namii sirba irraa hin fagaanne nama godha, anilleen kanumaaf akkuma dhaddee waan qabu darbadhe" jedha.*

"Taatullee bara sirbaan heddate keessatti sirba walii sirbuulleen heddaachaa dhufuutti jirti.Waan abbaa qabaa sirbanii ulfinna walii-dhabuu mannaa waan ufii jabeeffatanii yoo dhaban ammoo seeraan gaafachuu wayyaa" jedha, Addisuu Karrayyuu. Sirba Oromoo guddisuuf, biyya keessaa fi biyya alaalleetti nama sirbu horiillee tahe waan akka akkaatiin gargaaruun wanna barbaachisaa akka tahe dubbata.

Addisuu Karrayyuu,yoo hedduu aadaa Oromo-Karrayyuu faarsuun beekama. Sirba Oromoo dhibiillee itti daddabalee Fulbaana dhufu keessa CD sadeessoo baasuuf qophiitti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG