Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angootti Cichuun hoogganootaa, Uummata Mufachiisa.


Yeroo ammaa biyyootii Afriikaaa gama kaabaa keessatti keessumaa dhiyeenya kana Tunisiyaa fi Masrii keessatti sochii uummataa guddaatu dhaga’amaa jira. Sochii kana irraan kan ka’e uummati Tunisiyaa presidentii isaa aangoo irraa fonqolche.

Masrii keessattis presidantii Hosnii Mubarakiin aangoo irraa darbuuf uummati torban lamaa oliif hiriira mormii geggeessaa jira.

Kaka’umsi kunis isa kaanfiif jajjabina ta’ee jedha presidentiin barattoota universitiiwwan Itiyoopiyaa duraanii Obbo Hundee Dhugaasaa.
Angawoonni abbootii irree jedhaman aangootti wayita dhufan abbaan murtii isaan qofa akka ta’e sammuutti qabatanii dhufu waant ta’eef aangoo gad dhiisuuf tole hin jedhan.

Dimokraasii babal’isuu, carraa uummataaf kennuu simachuu waan hin dadandeenyeef naga’a jechuu ulfinaan simachuun gootummaa guddaa barbaada jedha obbo Hundeen. Filannoon wayita geggeessamus abbootiin irree kun seeruma ofii baasaniin bitamuu dhabuu dhaan mo’amuu didu. Kun immoo fincila uummataa kaasa.

Guutummaa Gabaasa kanaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG