Xurree ittiin seenan

Dorgommii 'Ethiopian great run' baranaa gama dubraatii Sulee Uturaattu moo'ate.

  • Soraa Halakee

Dorgommii "Ethiopian Great Run" gama dubartootaa tii Atileet Suulee Uturaa tu mohate. Ka dorgommii waggaa waggaatti geggeessamu kana bu'urse Hayilee G/Sillaasee ammoo ka duraan fiigicha dhiise, jechuun magaalaa Niwu-Yoorkitti labse. Martootnii Tookyoo ka Jappaanitti qophaahuuttan jira," jedhe.

Nama kuma kurnya hedduutti ganamfatee Staadiyoomii Finfinnee biratti walitti-yaa'e. Hagi tokoo atileetota addunyaa irratti beekaman kaan ammoo namootuma jabeenna nafa ufiitiif jedhee dorgommicha "Ethiopian Great Run" saniif qophaawe.

Ethiopian Great Run” ka jedhamu, fiigichii dura Hayilee G/Sillaasee jalqabsiise kun gannuma gannaan dorgomtoota daran horachaa deemuutti jira. Jalqaba dorgomtoota dhibbaa hedduu irraa ka'ee deemuma deemee barana kuma 35 gahe.

Fiigicha km 10 ka gandeen magaalaa Finfinene keessatti geggeessamu kana gama dubartootaa tii kan injifatte, Sulee Uturaa dur haga guddaa km 5 fiigdi, ammaan dura biyya Faransaayitti mohattee turte. Injifannoo amma argatteen immoo birrii Itiyoophiyaa kuma 30 fi waancaa baadhaafamte. Akka jettutti, Suleen gaafa diqqootuu cehuu akkana jaalatti. "Kuruphee gussee qabuu dadhabullee namii cehee na duraa hin bahu"jetti, badhaasa kanalleetti ya gammadde.

Hajjii Adiloo, nama atileetota Itoophiyaa hedduu leenjisuun addunyaattuu maqaan bahe, waan fiigihci akkanaa kun namaan qarqaaruutti jiru dubbata.

Gama kaaniin ammo Hayilee G/Sillaasee ka armaan duratti Miidiyaan Amerikaa hagi tokko "Haiyilee dhiibbaa siyaasaa tu fiigicha keessaa baase" jedhe kaan "dubbiin tun eessa akka dhufteeyyuu ani hin beeku. Ani ammallee fiigichattan deebi’a." jechuun labse.

Bal'eensa qophii kanaa MP3 tuqaa caqasaa.


XS
SM
MD
LG