Xurree ittiin seenan

Breaking News

Arguun Amanuuf, Dhaga’uun of Eeggachuuf ta’a !


"Iyyata adunyaatti dhiheeffannu ragaan deggeruun", akkasumas, "uummanni dursee odefannoo akka argatu gochuun" barbaachisaa dha, jedhu ogeessonni kora OSA irratti waraqaa qorannoo dhiheessan.

Kora Waldaa Oromoo isa baranaa irratti matadureelee dhiyaatan keessaa dhittaa mirga namomaa dhaqqaban ragaan deggeranii seenaaf ka’uu, kan jedhu fi Faalama qilleensaa Oromiyaa keessaa uummanni dursee hubachuun akka of eeggannoo barbaachisuu dammaqsuuf raadiyoo FM qabaachuun qooda guddaa qaba, kan jedhu of keessaa qaba.

Oromoon ragaalee qabu Afaaniin dubbachu bira taree, akka galmeetti qophessee ka’uu irratti muxannoo ga’aa hin qabu, kan jedhu Dargaggoo Haabtaamuu Dhugoo, dhittaa mirga dhala namaa Oromiyaa keessatti dhaqqau barrefama, Suuraa,Vidiyoo fi kanneen biroon deggeramee kaayamuun wanna akka adunyaan nuuf beeku itti iyyataa jirru dhugoomsa, jedha. Gama kaaniin rakkoo biyya keessa jiru sabaa-himaan biyya alaa adda addaa akka hubatan carraaquniis, mala biraati kan jedhu Dargaggoo Habtaamuun, yeroo adda addaatti wareegama uummanni Oromoo baasee callisanii hidhii xuxuun bira darbuu mannaa galmee akka qabatu gochuun itti gafatama nama hundaati jedhan.

Carraan Raadiyoo FMtti gargaaramuu biyya keessatti otuu babal’atee, keessumaa faalama qillensaa, lageenii fi kanneen biroo lubbu uummataa galaafataa jiran akka uummanni dursee hubachuun, of eeggannoo barbaachisu godhu gargaara kan jedhan Aadde Araggaash Dheeressaa ti. Gama kaaniin jijjirama qillensaa faccisuuf gargaarsi haawaasi addunyaa kennaa jiru, kallattiin akeeka yaadameef ooluun isaa, hordofamuu qaba, kan jedhan Aaddee Araggaash
Sabaa-himaan biyya alaa gama kanaan qooda akka fudhatan carraaquun hedduu gargaara, jedhu. Guutuummaa gaaffi fi deebii kanaa MP3 tuquun dhaggefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG