Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haadha : Ijoollee Koo Sadii Hidhan. Sadan Keessaa Reeffa Isa Tokkoo Fidanii Natti Kennan


Haadha : Ijoollee Koo Sadii Hidhan. Sadan Keessaa Reeffa Isa Tokkoo Fidanii Natti Kennan
Haadha : Ijoollee Koo Sadii Hidhan. Sadan Keessaa Reeffa Isa Tokkoo Fidanii Natti Kennan

Godinaa Shawaa Bahaa aanaa Boosat keessatti mana namaa marsanii dhukaa banuun nama qabuun akkasumas eessa butee warra qabamee dhabamsisuun waan baratamaa dhufe jedhu jiraattonni. Akka Fakkeenyaattis ennaa ibsan mana nama Obbo Abdisaa jedhamanii marsanii dhukaasa banuun haadha warraa cinaacha naannoo kale isaanii rukutuu isaanii fi abbaan warraa jalaa miliqee ba’uu dubbatan. Haala akkasiin maatii fi aantee mara funaanaii hidhuu isaanii akkasumas hatattamaan iddoo biraatti waan dabarsaniif jecha maatiin hidhamtootaa eessa butee dhabee rakkataa jira. Dhaqanii eessa akka jiran yeroo gaafatanis waan qabanii hidhaa keessa busaniif namnii callisuu filate jedhanii jiran.

Gama kaaniin achuuma aanaa Boosat ganda Qombee Guugsaa keessa kan jiraatan Aaddee Loomii Waaqayyoo akka jedhanitti ijoollee isaanii keessaa sadii hidhamanii akka turee fi isaan keessaa reeffa isa tokko fidanii akka itti kennan dubbatan. “Ilma koo Damisee Dachaasaa lafa hojii barbaacha deeme - magaalaa Adaamaa keessaa qabachuu isaanii firri naa ibsee jira jedhanii, Nigusee Dachaasaa fi Abbittii Dachaasaa manuuma koo keessaa dhufanii qabatan, jedhu.

Sana booda reeffa Abbitti Dachaasaa waraanni fidee naa kenne jedhu. Reeffii isaa u-urataa ciccitaa qaqqalamaa dha, akkasumas afaanii fi funyaan isaa keessaa dhiigatu ba’a jedhan.

Nuti umriin keenya guddaa fi dadhaboo waan taaneef ijoollee keenyatu nu gargaara ture amma garu ijatu na jaame jedhu. Kanaaf mootummaan ijoollee koo hidhaa keessa jiran lamaan akka naa hikuufan gaafadha jedhanii ilma isaanii isa afuraffaas qabanii akka tumanii deebisan dubbatan. “Waan dhukkuffatuuf xabala deemee gargaaramaa jira,” jedhan.

Bulchiinsi aanaa Boosat namoota badii geesisan hidhuun akka turee himanii, “ajjechaa dhaqqabe jedhame ilaalchisee garuu odeeffannoo hin qabu,” jedhanii jiran.

Kana cuqaasaa tii gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG