Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaaffii Ummataa: Arsii Nagallee fi Robee keessaa Kanneen Hidhaman Eessa Geeffaman?


Faayilii - Kophee namootaa dhuuminsa ayyaana Irreechaa irratti dhaaqabe booda walitti guurrame, Bishooftuu, Oromiyaa, Onkoloolessa 2, 2016
Faayilii - Kophee namootaa dhuuminsa ayyaana Irreechaa irratti dhaaqabe booda walitti guurrame, Bishooftuu, Oromiyaa, Onkoloolessa 2, 2016

Godiina Baalee magaalaa Robee keessaa namoota hidhuun haala jabaan itti fufuu isaa kan ibsan jiraattonni halkana halkan eessatti akka geessan baruun hin dand’amne jedhu. Maanguddoo umuriin saddeetamoota keessa jiruu fi dhalootaa qabee gurri isaanii kan hin dhageenyee fi Arrabnii hin dubbanne dhaanicha irra ga’en du’anii Kibxata Sadaasa 1 bara 2016 magaalaa Robee keessatti awwaalamuu dubbatu. Bulchhinsiimagaalaa Robee waa’ee ajjeechaa maanguddoo kanaa kan hin beekne ta’u ibsuun namoonni jeeqaman keessatti hirmaatan soddoma ta’an to’annaa jala oolanii hangi tokko magaalattii keessatti kaan immoo iddoo biraatti geeffamanii dhimmi isaanii qoratamaa jira jedhan. Garu waa’ee ajjefamuu maanguddoo umriin saddetamoota keessaa hin dhageenye jedhan.

Gama kaaniin Godinaa Arsii Lixaa, Arsii Nagallee keessatti jiraattoota hidhuu fi iddoo biraatti guruun itti fufee jira jedhu jiraattonni.Ijoollee waraana sodaattee dheessite ituu hin hafiin qabamuun isaanii ibsameera.Yeroo ammaa sochiin mormii tokko lafa hin jirreetti isa ammaan dura gaggeeffamee keessatti hirmaatanii turtan jedhamuun kan qabamaa jiran ta’u dubbatu. Kanneen hidhaman leenjii argatu jedhamee iddoo biraatti geeffamaa akka jiran ibsameera.

Gabaasaa Guutuu Kana Cuqaasuun Dhaggefadhaa

XS
SM
MD
LG