Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beela Ittisuuf Yeroo Gabaabaa Qabna : Iyyata Gargaarsaa


Beela Ittisuuf Yeroo Gabaabaa Qabna : Iyyata Gargaarsaa
Beela Ittisuuf Yeroo Gabaabaa Qabna : Iyyata Gargaarsaa

Biyyoota Afrikaa sadii jechuun Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa, fi Naayjeriyaa Kaaba bahaa akkasumas Yamana keessaa beela lubbuu uummata miliyoona hedduu sodaachisaa jiru ittisuuf yeroon qabnu baatii sadii ykn afuur qofa jedha koreen sadarkaa addunyaa kan fannoo dimaa.Gargaarsii dhala namaa hedduminaan battalumatti kan argamu taanaan Somaaliyaa fi Yaman keessaa fixiinsa uummataa ittisuun ni danda’ama jedha.

Garu Sudaan Kibbaa fi Naayjeritaa Kaaba Bahaa keessatti rakkoon mudate kan harkii namaa fide waan ta’eef salphaa hin ta’u jedhe. Sababiin isaa walitti bu’iinsatu gaggeeffamaa jira waan ta’eef jedha.

Koreen fannoo dimaa kan sadarkaa addunyaa Doolaara Miliyoona dhibba afuriif iyyataa kan jiru yoo ta’u kunis uummata beelaan gaaga’aman Biliyoona shaniif gargaarsa dhala namaa hatattamaan dhaqqabsisuuf ta’uun ibsamee jira.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Beela Ittisuuf Yeroo Gabaabaa Qabna : Iyyata Gargaarsaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:55 0:00

XS
SM
MD
LG