Xurree ittiin seenan

Breaking News

Artiistoota Oromoo: Artiistiin han Ummataati, Ummanni Gaddarra Waan Jiruuf Qophii Ayyaanaa irratti Hojii Keenya hin Dhiheessinu


Artiistota qophii ayyaanaa irratti hirmaachuu dhiisuu isaanii beeksisan. isaanii beeksisan
Artiistota qophii ayyaanaa irratti hirmaachuu dhiisuu isaanii beeksisan. isaanii beeksisan

Artiistonni Oromoo bebbeekamoon haala biyyaa keessa jiru irraa han ka'e gaddarra akka jiran ibsanii sagantaawwaan ayyaana oggaa haaraa Itoophiyaa fi Qaamee irratti akka hin hirmaanne beeksisan.

Artiisti Tsaggaayee Dandaanaa "artiistiin han ummataatii, waan ummanni hin barbaanne hin goonu" jedhee, qophiiwwaan kana dura waraabbamanii achii gaafa ayyaanaa waan inni irratti hirmaatu akka hin jirree ibseera.

Artiistin Abbush Zalaqaas sagantaa ayyaana Qameetiin walqabatanii dhihaachuudhaa deemaan irratti hirmaata jedhamee kara sabqunnamtii hawaasummaa dadarbaa haa turu malee, inni kara fuula Feesbuukii isaatiin,

"​Waan social media irratti gadhiifame argeera anaaf kan uummata naaf caalu hin jiru! Kan isin jaallattan nan jaalladha kan isin jibbitan nan jibba kanaaf an konsartiin hojjadhu hin jiru" jechuudhaan dhabba isaa beeksiseera.

Artiisti Jamboo Jootees, "gaddarra jiraa, han dhumaa jiru uummata keenya" kanaafu amma waayeen sirbaa han hin yaaddamne jedha.

Madda amanamaa irraa akka mirkaneeffanetti artiistiin Televisiinii Itoophiyaa (EBC) irratti sagantaa aayyyaana yeroo bayyee hojjatu Tadalaa Gammchhuus ayyaana boruu kanaratti hin hirmaatu.

Gaaafii fi deebii artiistota wajjin goone dhaggeeffachuudhaa kana cuqaasa

XS
SM
MD
LG