Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amansiisa Ifaa artisitota Oromoo hujiin guddachuutti jiran keessaa tokkoo ‘Best Director’ jedhanii badhaafame


Amansiisaa Ifaa "Best Director"
Amansiisaa Ifaa "Best Director"
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:10 0:00
Xurree marsariitii

Sirba Hacaaluu “Maalan Jiraa?” jedhu irratti Ka Zarihun Wadaajoo “Hin Oolu” jedhu irratti,ka Kamaal Ibraahimii fi Shukurii Jamaal “Dubbii Lafaa..”jedhu irratti fi waan heddu irratti daarekterii tahee hojjachuu fi qofaa mitii fiilmii fi dokumantarii gababaa waa’ee Irreechaa dubbatu ‘Irreechaa: Color & Treasure of Oromo’ jedhee tokkummaa fi miidhagina Oromoo agarsiise,Amansiisaa Ifaa.

Amansiisaan nama ganna 28ti.Dhiyoo tana ammoo mana barumsa Tom Film Production School Finfinnee jiru irraa daarektea beekamaa ‘Best Director’ jedhamee badhaafame.

Manii barumsaa sun ganna 15 duratti leenjii hujii fiilmii fi aartii haga ji’a 10 barsiisaa bahe.Dorgommii Amansiisaan irratti moohe irratti nama haga 50 wal dorgomee 12 walti hafe Amansiisaan moohee,Bitootessa 6, 2016 Tiyaatira Biyyoolessaa Finfinnee jirutti badhaafame.

Amansiisaa Ifaa "Best Director"
Amansiisaa Ifaa "Best Director"

​ZEMEN fiilmii suraa fi muuziqaa qofaan dhiyaate daqiiqaa 5:45 dheerataa nama 12 waliin hojjatan. Fiiliin kun waan jijjiirama qilleensaatii fi rakkoo innii fide irratti xiyyeeffata.

“Fiilmichii akkaataa yeroo durii bosonnii itti jiru osoo namii akkas hin baayyatin, tuttuquu yaallee baroota gara garaatin hirree jechuudhaa. Yeroo durii bosonnii jiru san bosona magariisa heduduu agarsiifnee… amma garuu magariisii sun gamoo qofaan jijjiiramaa akka dhufee fi mukkeeliin magaalaa keessa jiranis cicciramaa akka dhufanii bosonnii cicciramaa akka dhufe agarsiifne," jedha Amansiisaan.

Kana maleellee “xuriin karaa irratti gadi dhiifaman lubbu qabeeyyii gaarii akka hin taane agarsiifne.”

Qoodii daarekterii fiilmii tokko keessaa qabu akka jecha Amansiisaatti waan hedduu;gulaaluu,fiilmiin yoo bahe maan fakkaachuu akka qabu murteessa.fulaa fiilmiin itti hijjamtamuu malee ka seenaa barreeffama (script) wal fakkaatu akka tahu, footoo tama akka kaasu malan,muuziqaa akkam tapachuu akka malanii fi waan hedduu.

Fiilmiin tokko yo ilaalana waan isaa hedduu laalan;muuziqaa isaa,footoo isaa, fula aitit hojjatani fi waan hedduu laalan.Keeenna garuu “Best Director fi Best Cinematography” akka itti gulaalamuu fi fiilmiin itti waraabamuun badhaafaman.

Aartii Oromoo guddisuuf akka herrega Amansiisaatti carraa hedduutit jira “Wal hin beeknu malee Oromoon bakkii dhabeef hin jiru…cehumsa kana hujiitti geeddaramuutti dadhabame malee carraa hedduutti jiraa,” jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG