Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileet Dejene Birhaanuu Ya Lubbuu Dhabe, Leenjisaan Isaa Ammoo Nama Jabaa Jedhee Faarse


Dargaggoo ganna 29 ti. Haga dorgommii fiigichaa addunyaatti seenee ganna kurnya tokkoollee ya caale. Meetira 5000 ta amma ittiin beekameen haga km 21 fiigaa ture. Fiigicha Aljeeriyaatti jalqaba hirmaate irraa haga guyyaa lubbuu dhabeetii biyya keessaa fi biyyaa alalleetti akkanuma dorgome. Dejenee Birhaanuu, atileetota Itoophiyaa addunayatti beessisan keessaa tokko ture.

Dejeneen badhaasa akka akkaa guurrchuu qofaa mitii nama egeree qabu ture. Obbo Huseen Shiboo leenjisaa garee Mana Sirreessaa ka Dejeneen keessa turee ti. "Baayyee, baayyee nu gaddisiise ani akka dhuunfaa kiyyaatti ana tu file, gaafa fuudha isaallee ana tu akka abbaa taheef, ani baayyee gaddi natti dhagahame, jedhu.

Tana malee akka obbo Huseen jedhanitti, Dandeettiin isaa [Dejenee] baayyee cimaa dha. Nama guddaa egerii qabu jedhu. Dejeneen haadha warraa isaan gargar bahullee abbaa daai’ma tokkoo ti.Hagayya 29 bara 2010 lubbuu dhabe.

Kutaa lammeessoon qophii kanaa waa'ee ispoortii aadaa Iluu-abbaaboor keessaa ilaallata. Iluu Abbaa Boor keessatti ispoortii aadaa duruu beekaman Jorgaa Jorgee,wallaansoo, Saddeeqa, Bisaan Daakuu, Iddii darbachuu ykn asham bobbaatee,akkam bobbaatee ka jedhanii taphatan dabalee waa hedduu.

Obbo Dessaalenyi Yaadaa itti gaafatamaa biiroo aadaa fi tuurizimii godina Iluu-Abbaa –Boori. Baaddiyaan Iluu Abbaa-boor yeroo rooba gannaa, ka ijoolleen midhaan quufanii walitti dhufanii taphatan guddoo nama gammachiifti. Malii itt bisaan daakkatan ka akka axxiffoo dabalee hedduu tu jira. Mee waan obbo Huseen Shiboo leenjisaa garee Mana sirreessaa waa'ee lubbuu dhabuu Dejenee Birhaanuu gaafannee fi Obbo Dessalenyi Yaadaa waa'ee aadaa ispoortii Ilu-abbaaboor keesaa gaafanne MP3 tuqaa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG