Xurree ittiin seenan

Atileeti Boruu Guyyootaa Oloompikii 2012tiif ufi qopheessuutti jira

  • Soraa Halakee

Gurbaa ganna 21ti,bara 2006 keessa USA dhufe.Gaafa diqqaa mana barumsaa km jaha fagaatu akka saatiin hin dabarre fiigichaan ykn utaalchaa, tahuu baate ammoo sussukaa dhaqee gala.

Haga Amerikaa dhufutti akka fiiguu dandahu ufi hin beenne, “asi dhufee[USA] gahee jennaan milhaahee achumaan fiiguu jalqabee,” jedha.

Boruun yoo hedduu meetira 800 fiiga.Dhiyoo tana ammoo dorgommii meetira 1600 ka /Washington Indoor Preview/ jedhan Oregon,Portladitti dorgomee moohate.Boruun manneen barumsaa akka akkaa ka isa bitachuuf gaafate didee amma University Oregoniif fiiga.

“Leenjii warraa fi wannii isaan hojjatan hedduun dansaa egerillee Olympiciillee na qopheessiti,” jedha.

Dargagogon kun ammatti University Portlanditti barmusa 'Biology' barachuutti jira,achumaan barmusa dorkotorummaa ykn medical school seenee barachuuf qophiitti jira.Olooympikii bara 2012 Londonitti dorgomanillee ufi qopheessuutti jira.Barachaa dorgomuun waan nama dhibaa taatullee akka jecha Borutti waan qalbi itti deebifatanitti jabaannaan wannii hin taane hin jirtu.Ijoollee akka isaa hin milkaahinilleen waan harkaa qabdan jabeessaa jedhee itti dhaame.Warra Boruun galataa himatu hedduun keessaa;leenjisaa isaa,maatii isaa,saba isaa fi keessattuu akaakuu isaa aabba Guyyootaa fi abbaa isaa,Biqilaa Guyyootaa faa galata guddaa galchaa jedha.

Mee waan tana irratti nu Boruu gaafannee MP3 tana irraa caqasaa.

XS
SM
MD
LG