Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileeti Sulee Uturaa Oloompikii Londoniitii ufi qopheessuutti jirti


Suleen atileetii ganna 22 ti.Eegii maqaan isii fiigichaa addunyaatti beekkamee bara 2007 jalqabdee warqii argachumatti jirti, diqqaattuu guddattuu badhaasallee akkanuma.

Suleen atileetota Itoophiyaa wal dorgommii All African Games Mapuutoo,Mozambikitti dorgoman waan armaan duratti guddoo argitee hin beennee marroo tokkotti m5000 fi m10,000 moohatte warqii lamaan galatte.

Ijoollee faana te jiranii maan dhaamta jennaan akka isaan hujii teenna laalaanii jabaatan fedhaa jetti.Jabeennaa ke ka maqaan ke akkana addunyaatti bahee eennu faa galateeffatta jennaa,maatii isii,dhiirsa isii aabba Taarreqenyii,fi leenjistootallee hin galateeffadhaa jetti.

Suleen haadha warraati,maatii jabeessuu,warqii argachuuf addunyaa irraa martaa tuttun hujii waatii waliin sitti hin jabaattuu jennaan qalbiin tiyya garuma ispoortii kana jirtii hujii manaa maatiinuu naa hubataa jette.

Tana malee Suleen dorgommii Oloompikiillee London ta bara 2012 ufi qopheessuutti jirti.

“Anaaf achi dhaquun waan guddoo,maan jennaan dorgommii gugurdoo akkanaa dhaqee hin beeku.”

Maan nu Sulee gaafanne MP3 tana irraa nuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG