Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaan Naayiroobii balaa shororkeessotaan raafamte


Haleellaa galma gabaa Naayroobii irratti raawwate
Haleellaa galma gabaa Naayroobii irratti raawwate
Humnootiin nagaa eegsisan kan Keeniyaa danqaa shororkeessonni galma gamoo guddaa fi kan ammayyaa Naayiroobii keessatti dhaqqabsiisan xumuraan geenya jedhu. Gareen leellistootaa haleellaa iddoo kanatti bananiin lakkoobsi namoota du’anii 69 ga’uu waldaan fannoo diimaa beeksisee jira.

Odu gabaasaan keenya Niroobii jirus balaa magaalaa Nirobii keessatti dhaqqabee fi kan ijaan arge nuuf ibsee jira. Naannoo galma gabaa balaan kun itti dhaqqabee humnootii mootummaan to’atamee waan jiruuf itti siquun hin danda’amne kan jedhu odu gabaasaan keenya Temesgeen Taaddelee ganama irraa qabee sagaleen dhukaasaa dhaga’amuu isaa dubbate.

Sa’a booda irras poolisoonni Keeniyaa shakkamtoota nama lama to’annaa jala oolchuu beeksisan. Bakka balaan kun itti dhaqqabe naannoo Westland jedhamu keessatti namoonni gara jabinaan tarkaanfii shororkeessummaa uummata irratti fudhatan keessaa shakkamtoonni sadii du’uunis gabaasamee jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:56 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG