Xurree ittiin seenan

Breaking News

Awurooppaatti Manii Kitaabaa Guddaan Tokko Gubachuu fi Afrikaatti Jaarsii Tokko Du’uun 'Walqixxee.'


Afrikaa fi Awurooppaan ardii jireennii guddoo garagar fagaatu.Afrikaan namii hedduun hiyyuma,siyaasaa gara hin qamnee fi jireenna hamaa keessa jiraachuun beekama.Namii jireenna akka akkaa keessa jiru kun herregii mataa isaaniilleen gargar jiraa jedha.Warrii durii barumsa Falaasamaa ykn herrega mataa namaa barreessu ka Awurooppaa,Afrikaan falaasama mataa ufii hin qabdu jedha. Barreessitootii Afrikaa ammoo Afrikaan Filosoofii, hinuma qabdii taatullee maqaa warrii Dhiyaa Afrikaatti fahetti isii xureesse jedha.

Barsiisaa Guyyoo Dooyyoo,nama barmusa Philosphy ykn herrega mataa namaa baratee dirgii lammeessoo qabu,koree hujii raawwachiiftuu,philosophy Itoophiyaallee keessa jira.Yaada kana lamaan irratti bariisaa Guyyoo Dooyyoo,kitaaba “The Quest for Re-grounding African Philosophy Between The Two Camps” yaada kana lamaanii fala jedhe barreesse.

Beektotii Afrikaa gama barumsa herrega mataa namaatiin damee barumsa Philosophy Afrikaa afuritti qoodan;Tokko (Ethno philosophers),jarii kun afrikaan aadaa, fi seenaa ufii irratti hirkattii kun herrega mataa isiiti,namii waliif jiraata,aadaa,seenaa,afaanii fi waan hedduu walii qabaa jedha.

Ka lammeessoo (professional Philosophers),jarii kun herregii mataa keennaa formula ykn ammoo waan addunyaan cuftii fudhachuu dandeettu tokkoo qabaachu mallee jedha.

Sadeessoon ammoo ingiliffaan (Sagacity) jedhan,jarii kun yaada philosophy kana ka barreeffame qofa ilaaluu hin malle jedhee mammaassa,aadaa fi seenaa jaarrolee gosa luhoo Keenyaa jiranii qoratee baase. Herregii kun Awurooppaatti manii kitaabaa tokkoo gubachuu fi Afrikaatti jaarsii tokkoo lubbuu dhabuun tokkoo jedha.Maaniin jennaan jaarrolee akkanaa irraa seenaa barataniif.Herregii Afrikaa hagii guddaan hin barreeffamnee jedha.

Ta abreessoo ammoo (nationalistic ideology) jedhan jarii kun ammoo warra Dhiyaatti innummaan nu garboomsee innummaan wallaalaa,iyyeessaa fi waan akka akkaa jedhee maqa nutti baasee kana ufii diduu mallee jedha.Kaan ammoo jarrumatti bilisummaa fi waan hedduun waadaa nuu galee suni dhiise amma ammoo walti nu haqaa jedha.

Akka barsiisaa Guyyootti barreessitootii Awurooppaa maqeeffatee jedhetti jarii kun afirkaan gareen yaaddi,Awurooppaatti ammoo namii ufumatti yaada,yaaduma ufiitiin deema.

Mee woma taateefuu waan barsiisaa Guyyoo Dooyyoo gaafanne MP3 tana irraa caqasaa

XS
SM
MD
LG