Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dinagdeen biyyoota Miseensota IGAD hanga barbaachisu hin guddanne


waaltaan The horn economic and social policy institute jedhamu har’a galma wal ga’ii TM keessatti gumii qorannaa ka guyyootii lamaa har’a jalqabe irratti directorri waaltaa kanaa Dr. Ali Isa Abdi qabiyyee wal ga’ii Sanaa tarreessaniiru.

Keessumaa gumiin kun kan irratti fuuleffate ardii kana hanga tokko keessatti kan argame guddinni dinagdee kan mara of keessatti haammatu moo miti kan jedhu kan qoratu ta’uu dursaanii yaadachiisaniiru.

Itti aansuu dhaanis biyyoota Miseensota IGAD ta’aniin waggoota 15n darban kan galmeessame guddinni dinagdee hawaasa mara kan hin hirmaachisne ta’uu tuqanii gama hiyyummaa gad xiqqeessuunis Itiyoopiyaa fi Ugaandaa irraan kan hafe hagas gammachiisaa hin turre jedhan.

Directorichi waaltaa qorannaa kanaa Dr. Ali Isa Abdi akka jedhanitti biyyoonni naannoo hiyyummaa xiqqeessuuf badhaadhina babal’isuuf qabxiin galmeessan quubsaa hin turre. Innumaa iyyuu biyyoota hagi tokko hiyyummaa hamaa keessa bu’an jedhan.

Keeniyaa, somaliyaa fi biyyoota ka biroo keessatti gara boodatti hafuun mul’atee jira. Kaan isaanis waggoota 20 dura bakka turan irra gad bu’anii hiyyummaa hammaa ba’aa keessa bu’aniiru. Kanaaf biyyootiin naannoo jiran hagi tokko qabxii gaarii galmeessisanis hiyyummi hammaa fi baay’inni lakkoobsa uummataa dargaggotoaaf carraan hojii akka hin jiraanne rakkoo godhaniif amma iyyuu jiran keessaa ti. Kanaaf guddina mara hirmaachise ka jedhu qorachuun barbaachisaa dha jedhan.

Gumiin qorannaa kun kan inni irratti fuuleffate guddinni naannoo kan mara haammachiise ennaa jedhamu daragaggoonni hedduun biyyaa baqachuu fi carraa hojii dhabuun dhugaa dhimma dinagdee kana waliin ilaalamuu qabu waan ta’eef qorannaa kanaaf sababaa ka biroo dha jedhan directorichi.

Qorannaa guyyoota lamaaf turuuf dinagdee biyyoota miseensota IGAD irratti fuuleffatu kana irratti waraqaan qorannaa 25 ol kan dhiyaatu ta’uun beekameera. Dhaaba biyyoota gaanfa Afriikaa IGAD jedhamu kanneen hundeessan Keeniyaa, Uganda, Sudaan, Jibuutii Itiyoopiyaa fi Somalia ennaa ta’an kan hundeeffames bara 1986 yoo ta’u booda irras Ertraa fi Sudaan kibbaa miseena ta’aniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG