Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aysiis Somaaliiyaa Keessatti Damee Jabeeffachaa Jira


Hiriira gubachuu Quraanaa mormuudhan Somaaliiyaatti godhame. Hiriira kana irratti deeggartoonni Al-Shabaab argamanii turan, Fulbaana 15, 2010
Hiriira gubachuu Quraanaa mormuudhan Somaaliiyaatti godhame. Hiriira kana irratti deeggartoonni Al-Shabaab argamanii turan, Fulbaana 15, 2010

Milishoonni Somaaliiyaa han Aysiis (ISIS) deeggaran bayyachaa dhufuu basaastuun mootummaa Somaaliiyaa han duuraanii hime. Akka Abdii Hassan Husseen, daayrektariin basaastuu Puntilaandi duuraanii jedhutti deggartoonni Aysiis Somaaliiyaatti damee qabaachuun han beekame bara darbe, Onkoloolessaa keessa. Oggas, gara nama 20 - 30 ta'an. Ergasii as bakka leenjii itti geggeessan dhaabbatanii loltoota baayyifachaa jiran. Amma bayyinni looltoota garee kana 100-150 ta's jedha, Abdiin. Dabalees loltoota marsaa duraatii leenjisan eebisiifatanii meeshaa waraanaa arggachuu isaanii dubbata.

Kana malees leenjistoota mooraa waraanaa kana sakataanii fi gargaarsi maallaqaa Yaman iiraa garee kana ergamuu isaa ibse, “gareen Aysiis kun hawaasa naannoo sanii sababa ongeetiin rakkaachaa jiru bishaan dhiheessafii jiran," jedha.

Somaliiyaa
Somaliiyaa

Abdiin “gabaasni dhimma kanaan wal-qabatee nagahu mootumaan Somaaliiyaa rakkina gareen Aysiis Abdulqaadir Mumminiin hagganamuu kun fiduu danda'u tuffateera," jedhee Abdulqaadir Mummin duraan Al-Shabaab keessa turuu isaa yaadachiisee Aysiis Al-shabaab caalaa sodaachisadha jedha. Dabalees, “mootummaan Somaaliiyaa dubbii kana xinneessee laaluun isaa sirri mitii jedhee motumicha qeeqa. Yeroo ammaa kanatti gareen Aysiis kun mooraa leenjii gaara AL-Baariiti alaabaa isa dhabbatee gargaarsa Yamaniirra argatuun humna cimsachaa jirachuutu himama.

Kara biraatiin waraanni Somaaliiyaa mooraa leenjii deggartoota Aysiis han achi jiranii fi han milishoota lammiiwwan biyya biraa ta'anii Moqqaadishoo irraa kiilomeetirii 120 fagaatee jiru tokko barbadeessuu isaani beekkameera. Kunis han ta'e erga gareen kun haleellaa humnoota Dhabbata Tokkummaa Afrikaa qarqara Moqqaadhishoo jirani ji'a tookko dura gahe nutu godhe jedhaniiyi.

Dhumarattis Abdiin, mootummaan Somaaliiyaa fi qaamni tokkummaa Afrikaa Al-shabaabiis ta'e Aysiis moo'uu akka hin dandeenye ibsee, “sanirra oddoo ilaalcha dargaggoonni qaban irratti hojjatamee wayya jedha. Sababni isaas akka Abiin jedhutti, dargaggoonni karaa hin taanerra ooffamaa jirani, ofis haawaasa isaaniis hubuu irraa bararamuu qabanif jedha.

Aysiis Somaaliiyaa Keessatti Damee Jabeeffachaa Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:44 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG