Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ayyaana Id Al-Adhaa Fi Gaaffii Musleemootaa


Ayyaannii Id Al-Adhaa har’a amantoota Islaamaa biratti har’a gutummaa Itiyoophiyaa keessatti kabajamee jira.Ayyaana Arafaa jedhamuun beekamu kun yeroo 1433ffaaf kan kabajamee yoo ta’u ayyaanni kun biyya keessatti barana musleemonni mormii mootummaa irraa qaban kan karaa nagaan itti ibsan ture.

Hogganonni keenya hidhaman ha hiikaman, filannoon gaggeeffame uummata musleema mara kan bakka bu’u miti, gaaffii keenyaaf deebiin ha kennamu, Televiziyonni Itiyoophiyaa oduu sobaa dabarsuu ha dhiisu fi gaaffilee jka biroo kan of keessaa qabu ta’u hiriirtonni ibsanii jitu.

Koree wal taasiiftu ayyaana kanaa keessaa tokko kan ta’an Hajii Mohaajaar Dinoon sirna staadiyoomii Finfinnee keessatti gaggeeffame irratti hirmaachu isaanii ibsanii gaaffii uummanni dhagesisaa ture jedhame garu kan hin dhageenye ta’u dubbatan

Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haaylee Mariyaan Dassaaleenya baatii kana keessa aka dubbataniittti mootummaan walabummaa amantiitti ni kabaja, garu gareeleen lellistootaa hokkara kaasuuf shira xaxan dhaabsisuuf tarkaanfii barbaachisaan ni fudhatama jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG