Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ayyaana Irreechaa Bishooftuutti Qophaa’ee fi Falmii Uumame


Ayyaana Irreechaa bara 2014
Ayyaana Irreechaa bara 2014

Dilbata Onkolooleessa 2 bara 2016 magaalaa Bushooftuu keessatti kan kabajamu ayyaana Irrechaa mootummaan naannoo Oromiyaa siyaasa isaa tarkaanfachisuuf itti gargaaramaa jira jechuun Kongrasiin Federaala Oromoo himatee jira. Abbootii Gadaa dura qabuun karaa harka jalaan hojjatu haala ajjechaa hidhaa fi dorsiisa Oromiyaa keessaa aguuguuf fiigichaa fi qohilee sirbaa itti dabalanii qindeessaa jiru jedhu. Dura ta’an Abbootii Gadaa fi abbaan Gadaa Tulamaa Bayyanaa Sanbatuu garuu guyyaan dorgommii figichaa guyyaa jala bultii ayyaanchaa ti jedhu. Qophileen sirbaa akka hin jirre beekna jedhanii namni fedhe hunduu dhufee ayyaaneffachuuf mirga qaba jedhan.

Waajjirri Aadaa fi Turizmii Oromiyaa gama isaan ayyaanichi abbootii Gadaan kan qophaa’ee fi gama beeksisuu fi qorannaa jajjabeesuun qofa itti hirmaanne jedha. Ergaan siyaasaa ayyaana kana irratti dhiyaatu tokko hin jiraatu jechuun ergaan darbanis ayyaana kana kan calaqqisan qofa jedhee jira. Yuneeskoon ayyaana Irrechaa kan galmeessu ykn beekkannoo kan kennuuf barana waan ta’eef qophiin addaa kan gaafa jala bultii ayyaanichaa gaggeeffamu qophaa’uu ibsee jira.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadha

XS
SM
MD
LG