Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baasiin Waraanaa Afriikaaf Ba’u Gad xiqqaate


Baasiin Waraanaa Afriikaaf Ba’u Gad xiqqaate
Baasiin Waraanaa Afriikaaf Ba’u Gad xiqqaate

Baasiin waraanaa Afriikaa kurna tokkoo oliif akkaan ol guddataa turee booda amma gad bu’aa adeemuu gabaasi haaraan kan dhimma ittisa biyya addunyaa beeksisee jira. Sababaa ijoon gabaasi kun tuqe gatiin boba’aa gad cabuu isaa ti.

Biyyootii Afriikaa hanga tokko kan akka Sudaan Kibbaa fi Angoolaa biyyoota gatiin boba’aa gad cabuun isaan miidhe keessaa ti.

Waaltaan qorannaa Stockholm International Peace Research jedhamu kan baasii waraanaa ilaalchisee qoratu-tu gabaasa kana baase.

Akka qorannaa kanaatii baasiin waraana Afriikaa bara 2016 keessa dhibba irraa harka 1.3n waggaa isa duraa jiruun gad yoo ta’u walumaa gala doolaara biliyoona 37.9 ture.

Akkasis ta’e baasiin waraana Afriikaa dhibba irraa harka 48 ol yoo ta’u kunis kan kurna tokko dura ture caala.

Baasii kanaaf kan oolu waluma gala dinagdee boba’aa yoo ta’u gatiin boba’aa gad cabuun immoo mootummaan waraanaaf baasii baasu gad cabsa jechuu dha. Biyyoonni Afriikaa kudhan galiin isaanii biyya keessaa walii galaa keessaa waraanaaf dhibba irraa harka sadii ol baasu. Kana keessaa inni guddaan Republikii demokraatawaa Koongoo bakka bara 2016 baasiin waraanaaf ba’u dhibba irraa harka 7 ga’e. Aljeeriyaan immoo galii walii galaa keessaa baasiin ishee waraanaa dhibba irraa harka 6.7.

XS
SM
MD
LG