Xurree ittiin seenan

Breaking News

Badii Ga'eef Ani Itti-Gaafatamaa dha Taanaan Mummichi Ministeeraas Itti-gafatamaa Ta'u


Presidentiin naannoo Gambeelaa Omod Obang Olum aangoo taayitaa isaanii kan hoogganantummaa paartii sochii dimokraasummaa uummata Gambeelaa irraa kaafamuu isaanii gaazxaaleen dhuunfaa Itiyoophiyaa lama gabaasaniiru.

Paartiin Obbo Omod Obang paartii Itiyoophiyaa bulchaa jiru IHAAHDIIG waliin hidhata kan qabu yoo ta’u miseensoni paartii kanaa hedduunis hojii irraa ari’atamuun gabaasameera.

Taayitaa irraa kaafamuun kun kan dhaga’ame erga mootummaan torban tokkoof gamaaggama geggeessee booda.Omod Obang sagalee dhoksaa dhaan waraabame irratti akka jedhanti fixiinsa geggeessame sana amanuu isaanii fi yoo kanaaf itti gaafatamaa dha jedhaman dhimmi kun muummicha ministeeraa Itiyoophiyaas Mallas Zenaawii kan ilaallatu ta’u dubbatan.

Gabaasi garee Human Rights Watch kan bara 2005 ba’e ajjeechaa, humnaan gudeeddii fi dararaa gosoota Anyuak kan bara 2003 Gaambeella keessatti raawwatameef himatee ture. Qorannaan mootummaa Itiyoophiyaa garu waraanni balleessaa hin qabu jedhe.

Qorataan Human Rights Watch Ben Rawlence akka jedhanitti Omod Obang badii dalagame amanuun isaanii fixiinsi barra 2003 keessa raawwate deebi’ee akka qoratamu gochuu qaba.

Ministeerri kominiskeeshinii Itiyoophiyaa Bereket Simon Kun oduu hin taanee kan Human rights Watch duula maqaa balleessuu isaa jajjabeessuuf baase jedhan.

Waggoota saddeet dura falmiin ka’e yeroo dhumaatiif xumura argatee jira. Amma nagaa dhaan waliin jiraachuu jalqabaniiru jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG