Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ba'ii Filannoo Labsame Hin Fudhu


Filannoo prezidaantummaa Naayjeriyaa keessatti gaggeefameen sadarkaa lammaffaa irra kan jiran Muhammadu Buuhaarii,lakkoofsii sagalee uummataa meeshaa eleektroniksiin dogaggorfame jedhan.

Bulchaan humna waraanaa kan turan Buuhaariin prezidaant Guudlaak Jonatan injifachu isaaniin sagalee uummataa hatame deebisisuuf Paartiin keenya goorsa sadarkaa olaanaa argataa waan jiruuf, deggertonni keenya tasgabii horadhaa jechuun gaafatan.Ba’ii filannoo labsame sana booda hokkara uumame Buhaariin balaaleffatanii hokkara kakaasuun filannoo irratti shira hojjachu caalaa hamaa dha.jedhan.

Komishinni filannoo guutuu biyyaa walabnii himannaa Buhaarii kanaaf deebii hin laanne.Garuu kanneen kadhimamaa kam iyyuu ba’ii filannoo ilaalchisee himata qaban mana murtitti dhiyessuu danda’u jedha.

Preziddaant Guudlaak Jonatan garuu, deemsi filannoo ammaa kun gaarii kan ammaan dura argamee hin beeknee dha jedhan.Mootummaa hundumaaf waan madaalawaa fi sirrii ta’e haqaan hojjatu akka qabaannu lammiwwan Naayjeriyaaf mirkanessuun fedha jedhan.

MP3 tuquun gutummaa gabaasaa dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG