Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaa Istanbuul Tarkiittii Guyyaa Ayyaana Waggaa Dhaqqabeef Islaamik Isteetes Itti Gaafatama Fudhate

Mana dhiichisa halkanii kan Istaanbuul Tarkii irratti guyyaa ayyaana waggaa haaraa Dilbata darbee balaa dhaqqabeef gareen Islaamik Isteetes jedhamu har’a itti gaafatama fudhatee jira.Balaan kun lubbuu nama 39 kan galaafate yoo ta’u kanneen 70 ta’an mada’anii jiru.

Aangawoonnis nama haleellaa kana geesisee miliqee faana dhahaa jiran. Sabaa himaan Tarkii akka gabaasanti haleellaa kana waliin wal qabatee namnii saddeeti to’annaa jala oolanii jiran.Garu inni dhukaase jedhamee shakkame kanneen qabaman kana keessa hin jiru.

Haleellaan kun Dilbata kaleessaa ganama kan jalqabamee yoo ta’u kunis hidhataan kun polisii tokko fi nama sivilii tokko mana dhichisaa duratti eega ajjesee booda mana dhiichisa halkanii sana ol seene.Achii keessa namoota 600 ta’antu ture.Hangi tokko lubbuu ofii oolfachuuf jecha galaanatti utaalan

XS
SM
MD
LG