Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tattaaffiin Lola Dhaabins Yemen Jalqabame: Tokkummaa Mootummootaa


Tattaaffiin Lola Dhaabins Yemen Jalqabame: Tokkummaa Mootummootaa
Tattaaffiin Lola Dhaabins Yemen Jalqabame: Tokkummaa Mootummootaa

Tokkkummaan mootummootaa Yemen keessatti wal waraansa irraan kan ka’e lubbuun namaa darbe kuma kudhan ga’uu sababeeffachuu dhaan jila addaa jarmiyichaa Ismael Uld Sheek Ahmed gamasitti imalaniiu. Uld Check Ahmed baatii Ebla darbee walii galtee mallatteeffametti akka deebi’an gaafachuuf jecha kaleessa presidentii Yemen Abdii Raabuu Mansuur Hadiin dbalatee angawoota biyyattii haasofsiisaniiru.

Hoogganoonni siyaasa Yemen beekamoon uummaticha balaan amma irra ga’e caalu akka irra hin geenye ittisuuf biyyattiif eegumsa gochuu akkasumas furmaata karaa nagaa barbaaduuf itti gaafatamatu irra jira kan jedhan jilli tokkummaa mootummotaa kun haalli siyaasaa yeroo ammaa danqaa waan uumeef jecha guyyaa guyyaatti lubbuun namaa darbaa jira jechuun yaadachiisaniiru.

Dararaan uummata Yemen dhaabachuu kan danda’u gareen martinuu lola dhaabuuf ennaa walii galan qofa jedhan. Uld Sheek Ahmed torban kana bakka bu’oota garee wal fincilan lamaanii haasofiisuf karoorfachuu isaanii beeksisan. Tokkummaan mootummootaa akka beeksisetti waraana yemen keessaan waggoota lama dura Saudii dhaan kan hoogganame haleellaan samii irraan geggeessamee fi duulli lafoo uummata kuma kudhan galaafate.

XS
SM
MD
LG