Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummatni Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa Naannoolee Caamaan Dhahaman Keessa Jiraatu Balaa Du’aa fi Dhukkubaa Jala Jira, Jedhu Jaarmayaaleen Tokkummmaa Mootummootaa  

Beelli hamaan bara 2011 tokko Somaaliyaa dhahe gara namoota kuma dhibba lamaa fi kuma jaatamaa fixee booda, ammas biyyattiitti deebi’aa jira. Naannooleen akka hamaatti miidhaman kanneen gama Kaabaatti arggaman Putlaandii fi Soimaaliiland yoo tahan, duutii fi dhukkubni namoota hedduu gama sana irraa gabaasamaa jira.

Dubbi-himaan Jaarmayaa Dhimma Koolu-galtootaa, Liyoo Doobs akka jedhanitti, sababa caama kanaan, gatiin midhaan nyaataa dabaluu isaan, akkasumas, qilleensi hamaan egeree raagamuu isaani, namoonni kuma hedduutti lakkaawaman manaa fi qehee isaanii gad-lakkisanii, gara magaalaalee akka Moqdishoo faatti dheessaa jiran.

Itiyoophiyaa keessatti, namoonni milyoona shanii fi kuma dhibba ja’aa ol tahan akka rakkoo caamaa hamaa Gaanfa Afrikaa mudate kanaan akka miidhamuu malan tilmaame – Tokkummaan Mootummootaa. Rakkoo Itiyoophiyaa kanaaf akka gargaarsa doolaa Miliyoona dhibba sagalii fi miliyoona afurtamii saddeet isa barbaachisu illee beeksisee jira.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Uummatni Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa Naannoolee Caamaan Dhahaman Keessa Jiraatu Balaa Du’aa fi Dhukkubaa Jala Jira, Jedhu Jaarmayaaleen Tokkummmaa Mootummootaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:49 0:00

XS
SM
MD
LG