Xurree ittiin seenan

Balaa Barliin keessatti Dhaqqabeef Itti Gafatama kan Fudhate Hin Jiru

  • VOA

Balaa Barliin keessatti Dhaqqabeef Itti Gafatama kan Fudhate Hin Jiru

Magaalaa Barliin keessatti, kokolaataa fe’umsaa guddaan hatamee Wiixata Muddee 19 bara 2016 galgala lafa gabaa ayyaanaa tokko cabsee lixuun lubbuu nama 12 gaalaafatee kanneen 50 ta’an madeesse.

Shakkamaan qabame lammii Paakistaan kan Jarmanii keessatti dahannaa siyaasaa gaafataa jira, jedhame balaa sana keessaa harka hin qabu jechuun falmee jira.

Abbaan alangaa kan Fadaraalaa Piitar Fraank tuuta oduuf wiixata har’a akka ibsaniti dhimma kana akka haleellaa beekaa gaggeeffameetti ilaalla jedhan. Chaansilarittiin Jarmanii Angelaa Markal fi aangawoonni biroon lafa gabaa balaan kun itti dhaqqabe har’a daw’atanii jiru.Kabajaa namoota ajjefamaniif jecha lafti gabaa kun har’a cufamee jira. Barlin keessatti eegumsii jabaachuunis ibsamee jira.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG