Xurree ittiin seenan

Baqataan Oromoo Ameerikaa Keessaa Akka ba'an Irratti Murtaa'e.


As United States kutaa Michigan bakka Orchard View jedhamu keessa jiraataa kan turan baqataa Oromoo Obbo Kamaal Abubakar Abdul Kariim himannaa irratti dhiyaateen Amajji shan jechun guyyaa borii America keessaa akka baafamanii biyyatti ergaman abbootiin seeraa murteessuu isaanii abukaatoon immigration United States Televiziyoona News 8 jedhamu kan naannoo Michiganf ibsanii jiru.

Maatii obbo Kamaal daawwannaaf mana hidhaa dhaqanii

Maatii obbo Kamaal daawwannaaf mana hidhaa dhaqanii


As United States erga seenanii waggaa kudhan kan ta’an Obbo kamal abbaa ijoollee torbaa yoo ta’an himata irratti dhiyaateen waggaa lamaa oliif hidhaa keessa turan.

Obbo Kamaal kan hidhamaniif kophee Naayikii jedhamu kan kijibaa gurguran akkasumas Caatiin suuqii isaanii keessatti argame himannaan jedhu waan irratti dhiyaateef jecha.

Haati warraa isaanii aadde Jamiilaa Alii Kamaal Itoopiyaatti yoo deebifame sodaa nageenyaa kan qaban ta’uu dubbatu.

Abukaatoon obbo Kamaal Jessie Levine dhimma isaanii hordofaa kan jiraniif yeroon isaa yeroo ga’u sadarkaa dhimmi obbo Kamaal irra jiru kan ibsan ta’uu ibsaniiru. Intalli isaanii hangafaa Aanshaa Kamaalis mootummaan abbaa koof Yoo carraa lammataa kenneef maatii koo fure jetti. Guutummaa gabaasa kanaa MP3 tuquun dhaggeeffadha.

XS
SM
MD
LG