Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqatonni Oromoo Libiyaa keessaa Tunisiyaa seenuu jalqaban


Haala Libiyaa keessatti gaggeefamaa jiru irraa kan ka'e baqatanii ba'uuf sodaaf nageenyaa akka jiru ibsamaa jira.

Keesumaa baqatonni biyya alaa kanneen Tripolii fi magaalaalee ka biroo keessa jiraatan sababaa uummanni mootummaa cina gortanii nu waraantan jechuun isaan jibbuuf jecha, haalli jiru baqattotaaf daran hamaa dha jedhu.

Kanneen gara daangaa Tunisiyaa seenuuf carraa argatan keessaa tokko akka ibseetti, Tripoolii keessaa Awutobusaan daangaa Tunisiyaa seenu danda'u isaa dubbate. Achitti dhaabni baqatootaa (UNHCR) haga danda'ame gargaarsa kennaa akka jiru ibse.Waan fedhe ta'uus sodaa nageenyaa qabnuuf Tripoolii irraa Tunisiyaa wayya jedha.

MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG