Xurree ittiin seenan

Baqattonni Libiyaa Keessaa Rakkoo Hamtuuf Saaxilamne Jedhu

  • Jaallannee Gammadaa

Libiyaa keessatti mormiin mootummaa irratti gaggeefamu yeroo itti fufee jiru kanatti, biyyonni adda addaa sodaa nageenyaaf jecha, lammiwwan ofii gamasii baasaa jiru.

Baqatonni biyyattii keessa jiran garu waajirri dhimma isaanii hordofaa ture UNHCR mootummaan eega cufee baatilee lakkofsisee waan jiruuf jecha abbaa dhabnee rakkataa jirra jedhu.

Biyya irraa dhessanitti deebi'uuf paaspoortii hin qaban, galaana irra qaxxaamuranii gamas seenan,achi turuuf immoo guraachoota Afrikaatu mootummaa cina dhaabatee uummata fixaa jira jedhanii lammiwwan Libiyaa nu adamsaaa jiru jedhu.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa.

XS
SM
MD
LG