Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni 10 Qilleensa Dhabuun Ukkaamamanii Dhuman


Baqatonni bidruu dhaan Somaliyaa puunt laand irraa gara Yamaniitti imalaa turan 100 caalaa keessaa 10 qilleensa dhabuun ukkaamamanii dhumuu UNHCR ibsa baseen beeksisee jira.

Kana ilaalchisuun waajjira UNHCR sana’a Yaman jiru irraa itti aantuu bakka buutuu dhimma eeguumsa baqattootaa Ann Meeyman ibsa kennaniin,bara 2011 keessa baqattoota kuma 30 ta’an handaara galaana Yaman ga’uu isaanii fi kanneen keessaa harka caalaan lammiwwan Itiyoophiyaa ta’uu ibsan.

Bidiruun dilbata darbe Somaliyaa Puuntland irraa gara Yemanitti qajeelaa turte tokko keessatti namoonni 10 kutaa mootarri bidiruu keessa jiru kan qilleensa hin qabaanne keessa kaa'amanii ukkaamamanii du'uu isaanii ibsanii jiran.

Baqattoonni biyyoota gaanfa Afriikaa irraa lubbuu ofii oolfachuuf jecha dheessan kun karaa seeraan biyya ofii keessaa ba'uu waan hin dandeenyeef jecha, mala argameen dheessuuf yeroo yaalanitti immoo balaa suukanneessaa akkasiif kan saaxilaman ta'uu Ann Meeymaan ibsaniiru.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG