Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni Gara Mooraatti Geessaman


Baqattoonni Beengaazii keessaa guramuun handaara galanaatti geessamanii turan Dilbata darbe galgalaa qabee gara mooraa magaalaa Beengaaziitti dhiyeenya qabu tokkotti geessamuu isaanii ibsamee jira.

Baqattoota biyyoota gaanfa Afrikaa irraa ta'an kana kokolaataan gara moraa haaraatti kan gesse fannoo dimaa ta'uun kan ibsame yoo ta'u, magaalaatti dhiyoo ta'uun isaa sodaa nutti uume jedhu baqatoonni.

koreen fannoo dimaa kan sadarkaa adunyaa garuu mooraan keessa kaa'aman kun waardiyyaan eegama, namni biraa seenee ba'uu hin danda'u, dhiraa fi dubartoota adda adda baasanii kaa'uuf mijataa dha jedha. Handaarri galaanaa garuu sochii hedduun waan jiruuf, baqatonni balaaf saaxilamu sodaa jedhu kan qabu ta'uus ibsee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG