Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni Libiyaa Irraa Maaltaatti Baqatan Amma Illee Mana Hidhaa Jiru


Hoogganaa Libiyaa duraanii, Koloneel Mohaammar Gaadaafii taayitaa irraa buusuuf yeroo waraansi biyyattii keessatti geggeessamaa turetti kanneen baatiilee kudhan dura dooniidhaan achii baasamanii Maaltaa geessaman baqattoonni lammiwwan Itiyoophiyaa fi biyyoota ka biroo irra-jireessi amma illee ka waaltaa hidhaa keessatti gidiramaa jiran tahuu dubbatu.

Liibiyaa irraa baqattoota 250 taanee Maaltaa irraa dhufne, ka jedhan, baqattoonni kun lammiwwan itiyoophiyaa, Ertiraa, Nijeriyaa, Somaaliyaa ka lakkoobsa kana keessa jiran tahuu dubbatu.

Akka jecha isaaniitti, haga ammaatti baqattoota lakkoobsaan xiqqoo, kanneen dhukkubsatan yokaan ijoollee qaban qofa mana hidhaa sanaa bahuuf carraa argate, jedhu. Kanneen mana hidhaa durbootaa keessa jiran, baqattoonni Jamiilaa fi Taaddelech jedhaman telefoonaan Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti, baatiilee kurnan mana hidhaatti dabarsan kana keessatti, keessumaa dubartoonni dhiphuu fi yaaddoo irraa kan ka’e dhukkuba sammuu fi qaamaaf saaxilamanii jiran.

Obsi waliif dhabuuf kanneen zayita danfaa walitti dhangalaasanii wal-gubanii jiran. Baqattoonni kun, garii hojii barbaacha kaan immoo dararaa siyaasaa irraa dheessuun biyya dhalata isaanii gad-lakkisanii bahan.

Guutummaa gaaffii fi deebii baqattoota waliin geggeessamee dhaggeeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG