Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni Rakkoo Keessa Jirra Jedhu UNHCR Immoo Gargaaraan Jira Jedha


Baqattoonni Somaliland keessa jiranii fi kanneen UNHCR jalatti hin galmoofne Fulbaana 30 qabee biyyattii gad dhiisanii akka ba’an mootummaan biyyattii labsuun isaa ni yaadatama. Baqattoonni gAmas jiran kanneen waraqaa jarmiyichaa of harkaa qaban illee utuu hin hafin sodaa nageenyaaf jecha biyyattii gad dhiisanii ba’aa jiru

UNHCR haala Somali Land keessaa baatii tokkoo olii qabee quba qabaachuu isaa kan ibsan UNHCR somaliatti angawaan odeessii uummataa Mr.Andi Needman angawoota Somali Land waliin mari’annee jirra. Kana irratti koree dhimmootii baqattootaa jechuunis koree bakka bu’oota baqattootaa fi kanneen dahata polotiikaa barbadan waliinis wal arginee mari’annee jirra jedhu.

Baqattoonni kun sodaa nageenyaa qabaachuu isaanii, rakkoo hamtuu keessa jiraachuu isaanii irra deddeebi’uun himatu. Waajjirri keessan dhimma isaanii ni hordofa erga ta’ee maaliif rakkoon irra ga’a gaaffii jedhuuf Mr. Andi Needman yoo deebisan:

Baqattoota, kanneen dahata polotiikaa barbaadanii, biyyuma ofii keessatti qe’ee ofii irraa godaananii fi kanneen Somalia keessaa waggaa dheeraaf gargaaraa turre. Kana gochuus itti fufna jedhan

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG