Xurree ittiin seenan

Obbo Baqqalaa Garbaa fi Hogganoonni Kongresii Federaalawa Oromoo Ka Biroon Nyaata Lagachuun Mormii Irra Jiran

  • Jaallannee Gammadaa

Loogoo KFO

Loogoo KFO

Kan yeroo ammaa mana hidhaa qiliinxoo keessa jiran obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Dajanee Xaafaa, Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo fi Obbo Addisu Bullaalaa, Kamisa kaleessaa qabee nyaata lagachuun mormii isaanii dhageesisaa kan jiran ta’uu maatiwwan isaanii keessaa ibsanii jiran.

Haadha warraa Obbo Dajanee Xaafaa kan ta’an Aaddee Assalafach Mulaatuu sababa midhaan lagachuu kana maal akka ta’e yeroo ibsan, Kibxata darbe mana murtii duratti dararaa mana hidhaa keessatti irra ga’e kan ilaaleen iyyata dhiyeeffatanii, manni murtii kun rakkoo bulchiinsa mana hidhaati jechuun deebii erga dhorkatee booda nyaata lagatan.

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG