Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqqalaa Garbaa: Dawaa Liqimsitan Malee Mana Dukkanaa Keessa Kaa’amtu Nuun Jedhan


Baqqalaa Garbaa, ittti aanaa dura ta'aa KFO, Hagayya, 2015
Baqqalaa Garbaa, ittti aanaa dura ta'aa KFO, Hagayya, 2015

Hoogganootaa fi miseensota Koongiresa Federaalawa Oromoo mormii Oromiyaa keessatti ka’een wal-qabatee mana hidhaa turanii fi Jimaata dabre kana mana-murtiitti dhiheeffamanii shororkeessummaan 22 keessaa, hoogganoonni dhaabichaa afur achii-buuteen isaanii dhabame, jechuun maatiin isaanii kaleessa iyyatan - Obbo Beqqelee Garbaa faa har’a mana-murtiitti dhihaatanii jiru.

Jimaata darbee kaasee gara mana hidhaa Qlinxootti akka darban kan murteeffame hogganoonni Koongiresa Federaalawa Oromoo afuran, jechuun. Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Dajanee Xaafaa, Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo fi Obbo Addisuu Bullaallaa eega guyyaa sanaa as ka maatii isaanii wajjiin wal hin argiiniin, sababaa kanaanis muddama guddaa keessa akka turan har’a mana murtii duratti dhiyeeffamanii jiru.

Obbo Baqqalaa Garbaa, ittti aanaa dura ta'aa KFO. Istuudiyoo En Pii Aar (NPR) Washingtan Diisii jiru waliin gaafii fi deebii gaggeessanii turan, Hagayya, 2015.
Obbo Baqqalaa Garbaa, ittti aanaa dura ta'aa KFO. Istuudiyoo En Pii Aar (NPR) Washingtan Diisii jiru waliin gaafii fi deebii gaggeessanii turan, Hagayya, 2015.

Iyyata dhageesiifataniin, yeroo Qilinxoo dhaqqabaniitti qoricha akka liqimsan gaafatamanii diduu isaanii dubbatanii, “ carraan qaban lama qofa akka ta’e nutti himame’” jedhu. Qoricha kennameef liqimsuu kana didnaan mana dukkanaa keessa ka’amanii firoota isaanii hanga guyyaa diigdamaatti akka arguu hin dandeenye kan itti himame ta’uu dubbatan.

Nuti garuu dukkana keessatti hidhamu filanne. Garuu maatii keenya eessa akka jirru dhoksanii, nutis mirga maatii keenya arguuf qabnu sarban jechuun mana murtiitti iyyatan .Manni murtiis waa’ee kanaa akka ibsuuf nama mana hidhaa Qilinxoo irraa dhufe gaafate iyyuu, namnii maqaan isaanii Abrahaa ta’uu dubbatan tokko waa’ee dawaa ykn qoricha jedhame hin dubbanne. “Manni dukkanaa qilinxoos ta’e guutummaa biyyatti keessa hin jiru. Tahus garuu, hidhamtoonni seeraaf buluu diidan lafti ka’aman jira” jedhanii jiran, jechuun Abukaatoon hidhamtootaa Obbo Wandimmu Ibsaa ibsanii jiru.

Caamsaa Sadii fullee keenyaatti beellamni ka biraan qabamuu ibsamee jira.

Gaaffii fi deebii armaan gaditti caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:21 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG