Xurree ittiin seenan

Breaking News

CPJ: Barana Gazexxessota Jahatu Afrikaa Keessatti Ajjeefame


Faayilii - Sirna awwalchaa gazexxessa Abdulaziiz Ali Hajii, Abdulaziiz Somaliyaa keessatti ajjeefame, Fulbaana 28, 2016, Moqaadishoo
Faayilii - Sirna awwalchaa gazexxessa Abdulaziiz Ali Hajii, Abdulaziiz Somaliyaa keessatti ajjeefame, Fulbaana 28, 2016, Moqaadishoo

Bara 2016 biyyoota Afrikaa uffee sahaaraa gadii keessatti gazexxessonni 6 ajjefamanii kanneen biroon 41 mana hidhaa keessatti rakkataa kan jiran ta’u gareen mirga Gazexxessootaaf falmu sii pii Jee ykn CPJ gabaasee jira.Bara darbee 2015 keessa Gazexxessoonni 15 ajjefamanii kannen biroon 34 Afrikaa keessatti hidhamanii turan.

Bara keessa jirru 2016 guutuummaa addunyaa keessatti yoo xiqqaate Gazexxessoota 48 kan ajjefaman yoo ta’u hedduun isaanii kutaa walitti bu’iinsii jiru kan akka Siriyaa, Iraaq, Yaman, Libiyaa fi Afgaanistaan keessatti dhumana.Addunyaa irraa kan hidhaa keessa jiran 259 ta’uu fi lakkofsii kun waggootii darban 16 keessatti guddicha jedha sii pii jeen.

Biyyi Afrikaa Gazexxessonni hedduun keessatti ajjefaman Somaaliyaa dha.Gazexxessoota hidhaman 41 keessaa 33 Itiyoophiyaa fi Ertraa keessatti hidhaman.Mootummonni biyyootii lameenii waa’ee walabummaa preesii irratti qeeqamaa turan.Johaanbarg keessa kan maadheeffate garee Midiyaa Afrikaa to’atuuf daayreekteera ka ta’an Wiliyaam Bard akka jedhanti Gazexxesoota itiyoophiyaa keessatti hidhaman keessaa walakkaan yeroo mormii uummataa qabaman.

Bara 2016 keessa uummanni walabummaa dhabuun mormiin dhageesisee guddaa ture.Kanaaf mootummaan Gazexxesoota hidhe jedhanii angoo irra turuuf kanneen nu morman mara cabsuu qabna falaasama jedhu mootummaan Itiyoophiyaa hordofaa kan jiru ta’uun isaa ifa jedhu.

Faayilii - Irreechaa bara 2016 irratti hirmaattonni mormii yeroo dhageechisan, Bishooftuu, oromiyaa, Onk. 2, 2016.
Faayilii - Irreechaa bara 2016 irratti hirmaattonni mormii yeroo dhageechisan, Bishooftuu, oromiyaa, Onk. 2, 2016.

Itiyoophiyaa keessatti Gazexxesoota waggaa kana keessa hidhaman 6 keessaa 5 himannaan ituu irratti hin dhiyaatiin hidhaa keessa kan jiran yoo ta’u shananuu waa’ee mormii gaggeeffame akkaan qeequun kan gabaasan ta’u ibsamee jira.

XS
SM
MD
LG